Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 19:30 - KITAABA WAAQA

30 Nami ch'ufti ka waan kana arge maadefate waan jed'e, Nu haguma d'alanne taka waan akana ind'ageenne! Eegi worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, wonti akana taka ya taate d'iiro! Wonti kunini waan wolgaafatani wotolchu malani, me dubbad'a!

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 19:30
7 Referans Kwoze  

Amma isani worri Israeli, dubbi tana dubbad'a.


Kiyyibi gaargala male womanu ind'ufu, ammo qaroomi gorsa iraa d'ufa.


Worri kunini aka hama hameenna gula bahe, akuma gaafa Gibea kaani tahe. Waaqi dabafi ch'ubbu worraa qaabate worra gaargalcha.


Wonti akanatiifi atini ato duula indeemne mariachu malte, ammalle gorsi hedduuni atini nama ira argatu nyaapale si dabsachiisa.


Gorsa fud'ad'i woini baata; mala male, woraana fud'atte duula indeemini.


Nami mala ufi ch'alla gula deemu inuma wollaala, ammo nami mala nama heddu gula deemu, waan dansaani baha.


Gochiti nama dura deemu inqamne imbaddi, gorsi jaarsa heddu nagayaani d'ufa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite