8 Inni fulla iti qubatu barbaada Bethlehemu kae, ato deemu mana Mika ka lafa gareeni Efraimu keesa jiruni bahe.
Namichi Lawi sunini ee jed'e, Mika woliini tae, aka ilma taheefi.
Eleazarini ilmi qaallicha Haruni due, Gibea, dira lafa gaareeni ta Efraimu, ka ilma isaa Finehasi kennaniti awaalani.
Ammalle gaafasi gurba toko, ka gosa Lawi, ka dira Bethlehemu lafa Yuda keesa tau, jira.
Mikaani isa gaafate waan jed'e, Eesaa d'ufte? Inni waan jed'eeni, Anini nama gosa Lawi, ka Bethlehemu lafa Yuda. Anini fulla qutuma barbaadu jiru.
Gaafa duri bara jaallabooti lafa fidde, oolaani jabduuni toko lafa d'ufte. Jennaani namichi toko, ka dira Bethlehemu lafa Yuda keesa, niiti isaatiifi ijoolle isaa ta d'iira lamaani woliini lafa Moabuti godaane.