Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 13:5 - KITAABA WAAQA

5 eegi gurbaani sii d'alate rifeensa mata isaa inhaadini, wonti akanatiifi isa haguma inni d'alate asi eebisani, aada worra Naziri gula Waaqaa kennani. Nami qara worra Israeli harka Filisti keesaa baasu isuma.

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 13:5
9 Referans Kwoze  

Ammalle haga aada Naziri tana keesa jiru, inni mata ch'irate yokhaani inhaadatini. Haga guyyaani inni AABBO Waaqa kakhate isaati ufi kenne, aada suni gula deemu iraa hobauti, inni ha rifeensa isaa ka matatifi ka areeda galakisuti, aka inni d'ed'eeratu.


Jennaani Hanani kakhate waan Waaqaani jette, AABBO Waaqa gudda, anini Hana hojattu teeti! Na ilaali, gaargala kiyya argi, na inded'ini, na qaabad'i! Hojja atini ilma naa kennite haga inni jiru ch'ufa anini isa sii keenna; rifeensa isaale haadu itiind'aabani.


Eegi suni Daudini ammalle worra Filisti had'e dabsate, dira Gathitifi ollowaani isa iraa boojie.


Duuba akanaani worra Filisti dabsatani haga Samuelini jiru ch'ufa. AABBO Waaqi worra lafa Israeli had'u d'owe.


Eegi suni Daudini worra Filisti had'e dabsate, lafa Israeli ta worri harkaa qabule keesaa baase.


Wonti akanatiifi inni Aabbo durati nama gudda taha, daad'iifi farso ind'ugu, Lubbu Qulqullooni guutama akuma garaa haad'a keesaa buuni.


d'uga iti hime waan jed'e, Rifeensa kiyya taka nami inhaane, Haguma d'alanaani na eebisani aada Naziri gula Waaqaa na kennani. Ammo yo rifeensa kiyya naraa haadani, anini irre d'abe akuma biyya d'ibi taha.


Anini ilmaani teesani ta gari fohad'e raaga tolche, ta gari worra Naziri ka kakhu kakhatu tolche. Worra Israeli, wonti kuni d'uganiti? Nami dubbi suni jed'e ana, AABBO Waaqa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite