Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Jaallaboota 13:20 - KITAABA WAAQA

20-21 Ato arabi ibida d'akha ira olbahu, Manoafi niitiini isaa malaika AABBO Waaqa ta araba ibida keesa gubbati oldeemtu argani. Jennaani Manoani aka nami suni malaika AABBO Waaqaa hubate, isaafi niitiini isaa lafati gogombifamani; duuba deebiani malaika taani inargine.

Gade chapit la Kopi




Jaallaboota 13:20
14 Referans Kwoze  

Jennaani AABBO Waaqi ibida gubba gadi erge, ibidi suni sorio gubanifi gabbinna waan mesa fakaata gubba jiru ch'ufa gube, Biyyiti waan suni garte jennaani lalabde lafati gajejete.


Daudini malaika goraade qabdu, ta kurfo jirtu aka Yerusalemu balleesitu, gubba qilleensa keesati arge. Jennaani Daudifi jaaroleeni Israeli, ta worri ch'ufti ch'arqi naqatu, lafati gajejed'ani addaani lafa tuqani.


Worri haasaa iti d'aabate, ato worri yau gaarini nafi isaa ch'ufti ibida, ka fardi isaa hirkisuleeni ch'ufti ibida, jiddu worra lamaani bahe, Eliyaa bubbeeni gubbati olfuute.


ifsa bifa ule Waaqaa ch'ufa qabuuni fulla ch'ufati ifsite. Kunini ifsa bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi arti jiru, garsiisu. Anini waan suni ch'ufa arginaani isa durati lafaani ufi d'ae qonqo nami dubbatu d'agaye.


Jari isaa qonqo tana d'ageennaani guddo sodaate fuula lafati deefate jige.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


artiti fulla sorio iti qalani AABBO Waaqaa jaare, sorio gubanifi sorio wold'ageeti Waaqaa baase. Jennaani Waaqa kad'ate, AABBO Waaqi kad'a isaa d'agayeefi, ibida gubba gadi buuse sorio sunini gube.


Abramuuni Waaqa dura gajed'e, Waaqi waan jed'eeni,


Anini qonqo isaa d'ageennaani gagabe lafa d'ae, fuulaani lafati gombifame, artuma ch'iise.


Waan aka gasare suni gubbaa waan barch'uma hayyuma, ka d'akha bule ch'uluqaani mid'aasaniti jira. Ammalle barch'uma suni ira waan nama fakaatati taa.


Waaqi barch'uma ufii yaabata. Hojja AABBO Waaqi olkoru suni magalata d'aani, lalabaani gammadani.


Jennaani Gideonini mana ufi d'aqe, korbeesa diqa toko qale, dargaye kilo kud'ani ta daakhani bukho male qit'a d'aabe, fooni kaani dadu keesa kaye fuuto qoriti naqe, mukha gudda kaani jalati malaika AABBO Waaqati d'ufeeni.


Jennaani malaikaani AABBO Waaqa harka d'eerefate fiit'e ule harka qabdutini foonifi qit'a kaani tut'e. Ibidi d'akha suni keesaa bahe foonifi qit'a kaani gube. Jennaani malaikaani ila isaa duraa badde.


Akuma hayyu Daudi ka iti gadi deemu argeeni Araunani oobdi biraa deeme isa durati gadi jed'e, fuulani lafa tuqe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite