27 Lakisi, anini taka waan tokole si duraa iyyakine; siti nu yaku jira, ka na haatu. Nami wolti nu laalu AABBO Waaqa, isumati ara nufi worra Amoni gargari baasa.
Jennaani Saraiini waan Abramuuni jette, Wollaala keetifi Hajiriini ch'eera na d'abde. Anumati isi sii kenne, ammo isiini haga garaacha ufirati garte ya ch'eera na d'abde. AABBO Waaqi anaafi si nama fulla injirre ha laalu.
Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.
Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.