Achiti biyyafi worri gugurdaani ka gosa Israeli walgaafatani waan jed'ani yo nu worra Amoni haanu eenuti abba duula nu taha? Ka had'iisa kana keesaa abba duula tahu, gudda nama Gileadi keesa jiru ch'ufa taha.
Yefthani worra isaa ka Mispa jiru gallaani, intalti isaa takatiini ta inni isi male waan d'ibi ind'alini dibbe fud'ate sirbite yoyifachu fuula ke d'ufte.