12 Namichi Yuda toko ka Kalebu jed'ani waan jed'e, Anini intala tiyya Aksa nama dira Kiriath-Seferi had'e qabe inkennafi, ha fuud'uti.
Jennaani waan woliini jed'ani, Nama kana laala aka inni nu ch'ompifatu; hayyichi keenna Sauloni nama isa ijeese waan guddo kennaafi intala ufile fuusise worra isaani damoosa ira imfud'ani jed'e.
Duuba dubbi tana Dauditi himani jennaani inni waan jed'e, Isani sodda hayyu tahiti waan diqo seetani? Anini hiyyeesa, namileeni na imbeekhu.
Jennaani arti bahe worra dira Dibiri had'e. (Dira kana duri Kiriath-Seferi jed'ani.)
Worri Yuda achii kae, dira Debiri ka duri Kiriath-Seferi jed'ani, dabsate.
Jennaani Othnielini, ilmi Kenazi, ka maand'a Kalebu, dira suni had'e qabe. Duuba Kalebuni intala ufi Aksa kenneefi.
Ee Waaqa eenuti dira jabeesani jaaraniti na geesa? Eenuti Edomuti na geesa?
Wolfuud'a ilmaani d'ala; ilmaani teesanile wolfusisa, worrileeni ha ilmaani d'aluti indiqaatina, hora, lafa ira dabra.