Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 9:6 - KITAABA WAAQA

6 Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.

Gade chapit la Kopi




Isaya 9:6
82 Referans Kwoze  

Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Ilaala, intalti dubra garaachoofte ilma deeti. Maqa isa Imanueli baasani. Akasi jechaani Waaqi nu woliini jira jechu.


Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.


Ammo maro daba keennatifi isa woraanani, maro ch'ubbu teennatifi isaa d'aanani. Maro gaargala isaatiifi nu nagaya arganne, maro d'aanicha isatifi nu fayyisani.


Qalbiini tunini ch'ufti garuma AABBO Waaqa guddati d'ufti; mali Waaqi namaa d'au dansa, hojja ch'ufa inuma guutama!


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Kristoni fidu male, haga Waaqi nyaapa ch'ufa dabsate miila isaa jala naquuti.


Hayyumti Waaqi sii kenne haga jiru jireenna teeti. Bokuuni atini namaani fidduleeni ka d'ugaati;


Worri Israeli, nama diqaati, Waaqa guddati deebia.


Malaikaani waan jetteeni, Maanifi maqa kiyya beekhu feeta? Maqaani kiyya maqa mamaati.


Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.


Ammo waan Ilma, Waaqi waan jed'e, Hayyumti tante, Ee Waaqa, haga hegeri jirti! Anini d'ugaani nama fidda.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Atini abba keenna. Ababooti teenna Abrahamufi Yakoboni nu imbeekhani, ammo, ee AABBO Waaqa, atini abba keenna, ka guyya ch'ufa nu baase.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Eebiti isaa qit'e, hojja ch'ufa guddo nu eebisa.


Malaikaani waan jetteeni, Lubbu Qulqulloti siti d'ufa, jabeenni Waaqa Gudda siti gaadiseesa. Tanaafi daima qulqullo d'alatu sunini Ilma Waaqa jed'ani.


Haga inni jiru d'ugaani ha jiraatu, haga lafti ifsa jiaa qabdu nami ha woi horatu.


Isati qalibifi herega Waaqa ka d'ossani, namaa mullisa.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Qaraa fiit'e, ato lafale inuuminu, na uumani.


Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Inni fed'i tiyya gula gaargale; duisi isa sorio dabaani namaa araaramani. Duuba akanaani inni lubbu bule ilmaani isa ch'ufa arge, fed'iini tiyyaleeni isani guutamti.


Inni AABBO Waaqa durati akuma mukha late, hiddi isaa lafa goddu keesati bahu jira. Inni guddinnaafi mid'aaguma nu isani millannu inqabu, wonti nami millate isaani jaalatu tokoleeni injirtu.


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.


anati afaanifi qalbi isanii kenna, ta nyaapi keesani tokoleeni dandae morkeeni intufanne.


Gaareeni ha waan nami horatu baaftu kubileeni ha d'ugaani namaa d'uftu.


Ee hayyicha gudda, goraade tante fud'ad'i, hid'ad'i atini guddinnaafi jabeenna qabda.


Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!


Worra d'ugefacha inqamne kana, isani haga yoomi garaa lama qabaachu lakiftani? Anini yayu waan takaa inargini lafaani d'ufe — nami d'iira harka nama uwati bula.


Ee AABBO Waaqa, nami nagaya namaa kennu sii, wonti nu tolchinu ch'ufti, waan atini tolchite iraa baati.


Ee AABBO Waaqa, siumati nama si d'aabate, ka heregi isaa gara ingalle, nagaya ind'umanne, kennaafi.


Jaalala ind'umanneefi d'ugaani wold'at'e, qajeelumafi nageenni wold'ungate.


Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.


AABBO Waaqi guddaani dubbate, lafa ch'ufa ilaborutiifi ila adule yaame.


Anaafi ilmaani AABBO Waaqi naa kenne kunooti. AABBO Waaqi guddaani, ka gaara Sioni gubba tau, yayu nu erge, aka nu akheekhafi beesisa worra Israeliti taanu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini hormaata haga jiru jireennatini isii d'ufe, hormaati gosa ch'ufaa akuma laga yae inch'inne isaniti yaa. Isani daima haati hoosifate hamparte ufirati sirbisiftu fakaatani.


Kunini kitaaba maqa worra Yeso Kristoni keesaa d'alate. Yeso Kristoni d'aloota Daudi, Daudini d'aloota Abrahamu.


Duuba nami d'aloota Daudi toko hayyu tahe, d'ugaafi jaalalani biyya fida. Inni waan d'uga hurrise tolche, ammalle aka nami nama indabsine qorqorata.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Mani hareesi kunini dulacha qarale ira mid'aaga; achiti anini worra kiyya nagaya guute hormaata kennaafi.


Nami mana naa jaaruleeni isuma anini ammalle hayyuma isaa haga jiru jireenna iraa infuud'u.


Atini haga jirtu d'aloota ind'abdu. Hayyumti teetileeni muumme inqabdu ta haga jiru jireenna.


D'iigi worraa gubba Yoabutifi d'aloota isaa haga jiru jireenna taha. Ammo AABBO Waaqi ha hojja ch'ufa Daudifi d'aloota barch'uma isaa ka hayyuma ira tau eebise nagaya kennufi.


Ammo inni na eebise hayyuma Daudi haga jiru jireenna jabeesa.


AABBO Waaqa kanke ha faarsani! Inni si maache hayyu Israeli si tolche. Waan inni haga jiru jireenna Israeli jaalateefi inni hayyu worraa si tolche, aka atini d'ugaani worra fide seerale jabeesitu.


atini waan dansaa jaalate waan hamtu jibbita. Tanaafi Waaqi kanke si fohate, hayyu d'ibi ch'ufa ira si muude si gammachiise. Woyaani tante qayyaafi qumbi d'oofti;


Gubbaani maro waan mama ka atini tolchitufi si faarsite, Ee AABBO Waaqa, d'uga tante guddifti.


Inni gumi isaa d'ugaafi qajeelani fida.


Takaa tana hayyuti d'ufa, ka d'ugaani lafa fidu, ammalle jari gugurdaani isa jala hojatuleeni qajeelumaani lafa fida.


Yerusalemufi gaara Sioni gubbati nami inuma hafa, wonti akanatiifi AABBO Waaqi waan suni tolchu male intau.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite