Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 8:10 - KITAABA WAAQA

10 Mala d'aad'a! Ammo mali sunileeni woma imbahu, haga feetani dubbad'a, ammo dubbini sunini woma keesa injirtu, wonti akanatiifi Waaqi nu woliini jira.

Gade chapit la Kopi




Isaya 8:10
40 Referans Kwoze  

Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.


Ka waan ch'ufa garru, nu maani jenna? Yo Waaqi gama keenna jiraate, eentu dandae nu dabsata?


Inni mala malticha balleesa aka harki isaa woma inarganne.


Yo AABBO Waaqi si jibbe, wonti tokoleeni ta atini qarqaarsa iraa argattu injirtu, qarooma taanaani, beekha taanaani, malalle taanaani.


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Daudini aka Ahithofelini goli Absalomu tahe d'ageennaani Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, mala Ahithofelini Absalomu d'au balleesi!


Tanaafi insodaatina, anini isani woliini jira! Anini Waaqa keesani wonti tokoleeni isani imudansisini! Anini isani jabeese isani qarqaare, irre isanii tahe harka kiyyaani isani baasa.


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Waaqumati nuni deema, qaaloleeni isaleeni ta magalata d'ooftu nu woliini jirti, aka hojja worri magalata d'au nu isani haanu. Isani worra Israeli, AABBO, Waaqa ababoota teesani inhad'ina! Dandeetani indabsatani!


Hojja isani nyaapa keesanini wolhad'u d'at'ani, gaari fardi hirkisufi fardoole askarti heddu ta teesani ira jirtu argitani, worra insodaatina. AABBO Waaqi keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase, isani woliini jira.


Ahithofelini aka mala isaa didani arge jennaani harre ufi rara ira keeyate, kae worra isati gale waan ufi ch'ufa kurfefate, ufi fannise ufi ijeese. Akanaani due, awaala worra isaani keesati awaalani.


Haga atini jirtu nami tokoleeni dandae si dura ineju. Akuma Musa wahelche sillee wahelcha; anini waan sii tolcha jed'e inuma tolcha, ammalle si illakisu.


Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.


Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani.


Ammo ijoolle tiyya, isani ka Waaqaati, raagoota d'ara ya dabsattani; wonti akanatiifi Lubbuuni isani keesa jirtu lubbu worra lafa keesa jiru ira jabdu.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Ilaala, intalti dubra garaachoofte ilma deeti. Maqa isa Imanueli baasani. Akasi jechaani Waaqi nu woliini jira jechu.


Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.


lafa Yuda ch'ufa keesa yae waan ch'ufa hare, haga gurmu namaa olbahe waan ch'ufa d'ossa. Waaqi nu woliini jira! Inni koola ufii ballise akasiini lafa qorqorata.


Absalomunifi jaaroleeni Israeli ch'ufti mala kana maachite.


Gaafasi Abimelekifi guddaani askarti isaa, ka Fikoli jed'ani, woliini yaani gara Abrahamu d'aqani waan jed'aniini, Waan atini tolchitu ch'ufa keesa Waaqi si woliini jira.


Kakhu isani duisani wolti kakhatani Ch'absani wold'aqisa isani irreesani wold'at'ani balleesani. Hojja gaargali hamani lafa teesani d'ufu, gaargali sunini isani qabate isani balleesa.


Insodaatina, anini isani woliini jira! Lafa fagoo ta ilaborutiifi ta ila adu keesaa gumi tante galcha.


Hayyu Babiloni deebitani insodaatina, anini isani woliini jira, harka isaa keesaa isani baasa.


Anini isaniti d'ufe isani baasa, isani male, gosa anini keesati isani firfirse taani ch'ufa imballeesa. Anini ato diqo tateele isanuma gaargalcha, ammo yo tateele d'uguma gula isani gaargalcha, Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Dubbi tana gosa ch'ufati hima: Had'iisa kurfefad'a; nama duulaa wolti yaama; nama keesani ka lolaale ch'ufa wolti yaama, woma ineegiina, lola d'aqa jed'a.


AABBO Waaqa diddani iraa ingorina, worra lafa suni insodaatina, worri womaa keesa nu injiru, hure dabsanna. AABBO Waaqi nu woliini jira, Waaqa worra, ka worra qorqoratu, yayu dabsate irre d'owe, tanaafi insodaatina.


Jennaani nami toko waan jed'eeni, nu nami waan kana isati himu injiru, ee hayyicha, raaga Elishati waan atini dinqa keesati dubbatu hayyu Israeliti hima.


Inni t'iya isaatini worra had'e worri garagale baqata.


Koota, waan AABBO Waaqi tolche, laala, waan mama ka inni lafa keesati tolche dawaad'a.


AABBO Waaqi guddaani ya waan kana herege; eenuti dandae isa d'owa? Inni harka ufi d'eerefate nama balleesu fed'a; eenuti dandae harka isaa keesa deebisa?


Jennaani Hagai d'aamsa AABBO Waaqaa biyyati hime waan jed'e, AABBO Waaqi waan jed'u, Anini isani woliini jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite