10 Mala d'aad'a! Ammo mali sunileeni woma imbahu, haga feetani dubbad'a, ammo dubbini sunini woma keesa injirtu, wonti akanatiifi Waaqi nu woliini jira.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.
AABBO Waaqi guddaani ya waan kana herege; eenuti dandae isa d'owa? Inni harka ufi d'eerefate nama balleesu fed'a; eenuti dandae harka isaa keesa deebisa?