Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 64:3 - KITAABA WAAQA

3 Gaafa toko atini d'ufte, waan nama mudamsiisa, ka nu insehatini, tolchite gaareenileeni mudamte holate.

Gade chapit la Kopi




Isaya 64:3
16 Referans Kwoze  

Waaqi ammalle lafa Edomuti d'ufuu jira; Waaqi qulqullooni kubile Parani iraa d'ufuu jira. Guddinni isaa gubba guute, lafaleti guddo isa faarsani.


inni achiti waan mama ka akami tolche! Wonti inni galaana Diimati tolche waan akami mama!


Koota, waan mama, ka Waaqi nama ch'ufa durati tolche laala.


Waan isani Waaqaani jettani, wonti atini hojattu ch'ufti waan mamaati! Irreeni tante guddo jabdu tanaafi nyaapi kanke mudame si durati qanch'oorata.


Isaa faarsa, inni Waaqa keesani, isanileeni waan mama jabdu inni isani tolche ya iluma teesaniini agartani.


Yo inni ejatu, lafti inchochooti; yo inni millatu, nami ch'ufti mudame hollata. Gaareeni haga jiru jireenna jirtu ya tarsaate; kubileeleeni haga duri jirtuleeni ya gallit'e, kubileeni duri inni ira deeme.


Atini maanifi gubba tarsaafte gadi imbuune? Sila gaareeni si garte, mudamte si durati holati.


ilmaani hayyoota ta ufi gugudiftule, diqeese, hayyoota gugurdole mudamsise.


lafti chochote gubbale bokeeni roobe, maro Waaqi Israeli ka Sinaiti worrati mullate achi jiruufi.


Gochiti lafa gubbaa jirtu, ta aka gosa Israeli, ta atini tissooma jalaa baafte nama kanke tolfate injirtu. Wonti mama guddooni ta atini worraa tolchite yayu gurra kanke lafa ch'ufaani qit'eesite. Atini gosa d'ibifi waaqa worrale, ato worri atini lafa Misiriti baafte kanke tolfate d'ufu jiru, duraa gussite.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


AABBO Waaqa waan Musani jed'e, Anini amma wold'aqisa worra Israeli woliini tolfad'a. Ammalle anini gumi tante durati waan mama ka ka durile ira jira lafa ch'ufa keesa yokhaani gosa ch'ufa durati tolcha. Ammalle gochiti d'ibiini ta d'aatu tante jirtuleeni waan nama bakhasa, ka anini AABBO Waaqi si tolchu kana inagarti.


Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite