Waaqi waan nani jed'e, Worri Israelitiifi ka Yuda ya ch'ubbu hamtu tolche. Worri yayu lafa ch'ufa keesati nama fit'e Yerusalemu ch'ubbuuni guute. Worri waan jed'u, AABBO Waaqi ya lafa teenna lakise. Inni amma nu inargu.
Woraana deebiani si keesati ind'agayani — woni hamtuuni tokoleeni deebite si qabatte si imballeesitu. Anini naabo si tahe si qorqorad'a waan anini si baaseefi na faarsita.
Herodeni aka jari ilaboru d'ufe kaani isa sobe arginaani guddo dalane, nama erge ijoolle d'iira ta Bethlehemu keesa jirtuufi ta reera suni keesaa, ta ganna lama asi fit'a jed'e, aka ganna jara mirga d'ufe iraa hubate gula.
Garaani kiyya Moabu boha! Biyyiti yayu dira Soritifi ka Eglathi Shelishiati baqatte. Ta gari kara Luhithi boha yaate, ta garileeni laalefatte Horonainiti baqatte.
Daalleeni dubbi daalliti dubbate, ch'ubbu ch'alla herega. Inni waan tolchufi ka jed'ule ch'ufa keesa kara iraa gore maqa Waaqa balleesa, ammalle inni nama beela qabu beela imbaasu, ka d'eebu qabule bisaani inobaasu.
Ch'ubbichi ha kara ufi lakisu, nami hameenna gula deemu ha herega ufi garagalfatu. Inni ha AABBO Waaqa keennati deebiu. Duuba inni naheefi hurrise araaramaafi.