Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 53:11 - KITAABA WAAQA

11 Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.

Gade chapit la Kopi




Isaya 53:11
37 Referans Kwoze  

Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.


Ammo maro teennale ya t'aafani, nu ka Waaqa, Yeso Aabbo keenna duisa keesaa kaase d'ugefannule d'uga heregani.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Ijoolle tiyya, anini waan kana isanii t'aafa, aka isani daba intolchine; ammo yo nami daba tolche, nu Yeso Kristo ka d'uga qamna, ka Abba nu kad'atu.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Nad'eeni yo ch'ininfattu ilaalefatti, maro guyyaani isiini deetu gaheefi. Ammo eegi isiini ilme deete, deebite lalala suni inqaabattu, maro gammada daima lafati d'alteefi.


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


Isa qabani, wollaala iti murani, ijeechaa geesani. Nami tokoleeni waan isa tolchani suni iyyaalle. Isa maro daba gumi teennatifi ijeesani.


Anini, AABBO Waaqi, d'aloota Yakobo ch'ufa baase, duuba worrileeni na faarsa.


AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.


Abba Waaqafi Yeso Kristoni, Ilmi Abba, eebafi naasufi nagaya nuu kenninna; wonti kunini ch'ufti ha d'ugaafi jaalalaani teenna taatu.


Anini Jaarsi, gara Jaarti Waaqa fohatetifi ijoolle isii ta ani guddo jaalad'u t'aafa. Anini ch'allaani isani injaalad'u, ammo nami d'uga beekhu ch'ufti isani jaalata;


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Ijoolle tiyya, akuma haati nama d'altu ch'ininfatte d'ukubsattu, anileeni isanifi d'ukubsad'a, haga Kristoni isani keesati uumamuuti.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Waan maro d'iiga isaatiifi d'uga nu hereganiifi hagasi ira dalansu Waaqa dura nu baasa.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, yo gumani dargaye toko lafa bue shame male, kobuma ufi taa, ammo yo shame biqile mid'aani heddu baasa.


Waan inni guddo gaargala qabuufi guddise kad'ate; damfi isaa lafati ch'och'obe d'iiga fakaate.]


Duuba inni waan nani jed'e, Ee Israeli, atini hojatu tiyya, maro teetifi biyyiti na faarsiti.


AABBO Waaqi waan jed'u, Hojatu tiyya hujiini isa ch'ufti ineebifamti isa guddo ulfeesani guddinna iti kennani.


Jaaroleeni qalbi qabdu aka gubbani bilit'u bibilit'i; jari nama heddu d'uga barsiisuleeni akuma urji haga jiru jireenna ifsa.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite