Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 51:11 - KITAABA WAAQA

11 Nami atini baafte, gammadaani dira Yerusalemuti deebie sirbe qilit'ama. Worri haga jiru gammada, deebie bohe ilaalefatu.

Gade chapit la Kopi




Isaya 51:11
29 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi dua haga jiru jireenna balleese, nama ch'ufa imimaani ira haaqe, ch'eera lafa ch'ufa keesati gumi isaa qabate iraa fuud'a. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e!


Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


Worri Waaqi baase sunini sirbe gammade Yerusalemuti gala. Worri haga jiru jireenna gammada, laalefachaafi booti worra biraa baqatti.


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Ch'eerafi fokoni teesani ya hobaate. Lafa teesani keesa teetani hormaata keesani maro lama isanii darani, gammadi keesanileeni ka jiru jireennaa taha.


qonqo gammadaatifi ta qilit'amatifi qonqo gammada ta guyya fuud'a, d'agayani. Qonqo nama waan galata baasani Mana kiyyaani d'ufe sirbule d'agayani. Worri waan jed'u, AABBO Waaqa gudda galata deebisa, inni dansa, jaalalti isaaleeni haga jiru jireenna teeti. Anini lafa tana eebise finna duri isiini qabdu kaani deebisaafi. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Waan Waaqi abaare tokole dira suni keesati inargani. Barch'umaani Waaqatiifi ka Ilme Hoola dira keesa jira, hojattuuni isaa isa guddifti.


Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu.


Anini Yerusalemu iraa gammade, nama isiile maacha. Deebiani achiti imbohani yokhaani ilaalefatani.


Ee gubba gammadaani sirbi! Ee lafa, lalabi! Ee gaareeni, gammadaani sirba, mukeeni baddaleni ch'ufti ha sirbitu! Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Yakobo baase, Israeli keesa guddinna ufi garsiise.


Ee gubba, sirbi, ee lafa gammadi, lalabi! Gaareenileeni ha farqatte sirbitu! AABBO Waaqi gumi ufi jabeese, nama isaa ka gaargala qabu naha.


Babiloni keesaa yaa, worra Babiloni duraa baqad'a! Odu tana gammadaani lalaba odeesa, muumme lafale geesa; AABBO Waaqi yayu hojatu isaa Israeli baase jed'a.


Jennaani anini gubba haraafi lafa hareeti arge. Lafa qaratiifi gubbaani qara badde, galaanileeni bade.


Worri gaafa mid'aani fach'aafatu bohe ha gaafa muratu gammaduti.


AABBO Waaqi galaana Misiri gosse, galaana Frati bubbe owituuni gosse laga didiqa torba tolcha, aka nami miilaani taaku.


Isani gammadaani godaantani, nagayaani iti d'aabattani, gaareenifi kubileleeni gammadde sirba baafte, mukhileeni gammade harka d'aa.


Worri gammade sirba, ammo isani garaa hammaatani laalefatani bootani.


Dubarti gammade sirbite, d'iirti kaimafi jaaroleeni qilit'amti. Anini boha worraa garagalche gammada tolche, garaa worra jabeese laalala worraa garagalche qilit'ama tolcha.


Nu akami kofalle gammanne sirbine! Duuba gochiti d'ibiini waan keenna dubbate waan jette, AABBO Waaqi waan jabdu worraa tolche.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite