Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 49:6 - KITAABA WAAQA

6 AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.

Gade chapit la Kopi




Isaya 49:6
30 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi Aabbooni akasi nuti mure waan jed'e, Anini ifsa gosa d'ibi ya si tolche, aka baafama namaa taatu, haga muumme lafa.


Anini, AABBO Waaqi, si yaame irre sii kenne, aka akasiini lafti ch'ufti d'uga argattu. Maro tanteetifi anini gosa ch'ufa wold'aqisa woliini tolfad'e, ifsa gosa d'ibi ch'ufatini d'ufa.


Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.


AABBO Waaqi irre ufi qulqullooni gumi ufi baasa, duuba waan suni lafti ch'ufti inargati.


Gochiti d'ibiini ifsa keetiti d'ufte, hayyootileeni ifsa kanke ka bariiti yaati.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


Elishani ammalle waan jed'e, Wonti kunini Waaqaa woma keesa injirtu, inni worra Moabule harkuma keesaniti kenna.


Hezekiani waan jed'eeni, Aki gaandidu ejata kud'ani dura deemsisani laafa! gaandiduni ha dudda duuba deebituuti.


aka Kristoni gaargale nama qara ka duisa keesaa kau tahe, ifsa biyyaafi nama gosa d'ibileti odeesu.


Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.


wonti akanatiifi AABBO Waaqi d'uga jaalata, gumi isaa qulqulloole illakisu. Inni haga jiru jireenna worra qorqorata, ammo ilmaani ch'ubbicha lafa keesa gussani.


AABBO Waaqi nama waan hamtu jibbu injaalata; inni lubbu gumi isaa jabeese qorqorate, harka worra ch'ubbuu jalaa baasa.


Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


Babiloni keesaa yaa, worra Babiloni duraa baqad'a! Odu tana gammadaani lalaba odeesa, muumme lafale geesa; AABBO Waaqi yayu hojatu isaa Israeli baase jed'a.


Gumi tiyya, na d'agaya, waan anini jed'u ch'aqasa. Anini gosa ch'ufa barsiise seeri kiyyaleeni ifsa worraa taha.


Isani gosa qara imbeenne yaamtani; worri qara isani imbeekhu ammo amma tana orie gara keesani d'ufa! Waan kana ch'ufa ana, AABBO Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeliti, tolche, anini ulfinnaafi guddinna isanii kenna.


AABBO Waaqi yayu dubbi tana muumme lafati hime waan jed'e. Waan isani gumi Yerusalemutini jettani, me ilaala, nami isani baasu d'ufuu jira! Inni gumi baaseni d'ufuu jira.


Yo worri garaa tokooni aada gumi tiyya barate maqa AABBO Waaqatini wo kakhate — akuma duri worri gumi tiyya aka Baalini kakhatani barsiise — duuba worri gumi tiyya keesa fulla argate wo horata.


Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani.


Nama heddufi gochiti jabeenna qabdu Yerusalemuti d'ufte eeba iraa fed'atti.


Ee Waaqa gosa ch'ufa keesa nami ch'ufti ha si faarsuti!


AABBO Waaqi guddaani ka gumi isaa ta Israeli ta boojiani galche, waan jed'u, Anini nama d'ibi ka boojianile galche, worra woliini teesisa.


Tanaafi AABBO Waaqi gumi ufii harka nyaapa worraati lakisa, haga isiini dau geete ilma deetuuti. Jennaani worra gosa isaa ka boojiani worra isaani ka Israeliti deebisani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite