12 Gumiini tiyya fago d'ufti, mirgaafi gama ila adule, ammalle gara Aswani ta bitale d'ufti.
Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.
Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.
Nami mirga bitaa d'ufe, oli gadi d'ufe, Finna Waaqa keesati sagale nyaatani.
Me ilaala, nami hedduuni mirga bitaa d'ufe Abrahamufi Isaaqofi Yakobo woliini Finna gubba keesa taani.
Gaafasi gochiti hedduuni AABBO Waaqati d'ufte gumi isaa taati. Inni isani keesa tae, duuba isanileeni aka inni isaniti na erge beetani.
iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.
Gochiti ch'ufti AABBO Waaqa qaabate, fulla jirtu ch'ufa isati deebiti; nami gosa ch'ufa isa dura d'ufe kad'ata.
Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.
Na ch'aqasa, gosa lafa fago teetu ch'ufa! Ato anini ind'alatini AABBO Waaqi na fohate hojatu na tolfate.
Ufi d'aatu millad'i, waan tahuti jira ilaali! Worri kanke ya wolti bahe, gara kanke d'ufuu jira! Anini maqa Waaqa jirutini kakhad'a, atini akuma intalti fuud'ani faaya isiitiini shoobdu worra keetiini shoobda.
Isani gosa qara imbeenne yaamtani; worri qara isani imbeekhu ammo amma tana orie gara keesani d'ufa! Waan kana ch'ufa ana, AABBO Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeliti, tolche, anini ulfinnaafi guddinna isanii kenna.
Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.
Me millad'a, waan taha kana ilaala: worri kanke wolti bahe siti galuu jira. Ilmaani tante ta d'iira lafa fagooti d'ufte, dubra tantele hamparaani d'ufanini.
AABBO Waaqi baandera oliqabe gosa ch'ufa garsiisa, aka inni worra Israelitiifi ka Yuda ka gargari firfirsani boojiani, wolti guure, gama lafa ch'ufaa woltiini d'ufa.
Gumi tiyya ta Yakobo, insodaatina; worra Israeli, imudamina. Anini lafa fago suni, ta qara boojiani iti isani geesani, keesaa isani baase, isani galtani nagayaani teetani, nami tokoleeni deebie isani insodaachisu.
Nami lafa fagooti d'ufe ijaarsa Mana Waaqaa qarqaara. Eegi jaarani, aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beetani. Yo isani seera AABBO Waaqa keesani aka dansaa guuttani, wonti kuni ch'ufti intaati.