16 Ammatana nati d'iaad'a, dubbi tiyya d'agaya. Anini haguma duriti takaa d'ossaani indubbanne, dubbi tiyyale ch'ufa la guute. (Ammatana AABBO Waaqi guddaani yayu jabeenna ufi naa kenne na erge.)
Yesoni waan jed'eeni, Anini diideese nama ch'ufaati dubbad'e, anini guyya ch'ufa maneeni Waaqa iti kad'ataniifi Mana Waaqa gudda keesaleti fulla Yahudiini iti wolwoldeetuti barsiise, d'ossaani woma indubbanne.
Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.
Anini d'ossani indubbanne, yokhaani herega kiyya nama ind'ofanne. Anini worra Israelitini, lafa duwa keesa na barbaada injenne. Anini AABBO Waaqa, ka d'uga dubbate waan qajeela namati himu.
Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,
Waaqi waan jed'u, Isani worri lafa fago, ch'allisa, na ch'aqasa! Waan dubbachuu feetani kurfefad'a; koota, dubbad'a. Koota, wolwoldeenne, nama d'uga qabu ilaala.
Gosa ch'ufa koota, asi wolti baha, ch'aqasa. Lafa ch'ufafi nami keesa jiru ch'ufti ha arma d'ufe wo d'agayu.
Anini Waaqa, haga jiru jireennale Waaquma. Nami tokoleeni, ka irre tiyya jalaa bahu injiru, nami waan anini tolchu dandae jijiru injiru.
Arma fulla qorsumati koota, dabdoole! Isani falfaltufi nama nad'eeni biyya baratufi sharmut'a ira injirtani.