Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 45:12 - KITAABA WAAQA

12 Nami lafa mid'aase nama isi irati uume anuma. Harka kiyyaani anini gubba dirirse aduufi jiaafi urjileeni harka kiyya keesa jirti.

Gade chapit la Kopi




Isaya 45:12
22 Referans Kwoze  

Irreefi jabeenna kiyya guddaani anini lafafi namaafi bineensa lafa keesa jiru ch'ufa uume, lafa suni nama anini jaalad'u kenna.


Anini AABBO Waaqa, ka isani baase; anumati isani uume. Anini AABBO Waaqa, ka waan ch'ufa mid'aase gubbale qofuma tiyya dirirse; gaafa anini lafa mid'aase namu na inqarqaare.


Waaqi gubba uume ballise, lafafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, hafuura jireenna nama keesa tau ch'ufaa kenne, Duuba ammatana AABBO Waaqi waan hojatu isaatini jed'u,


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Akanaani uumami lafafi gubba ch'ufumanu qit'ae.


Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.


AABBO Waaqi gubba uume — Waaqi isuma! Inni lafa supe mid'aase, jabeese waan ind'umanne tolche. Inni lafa duwa imid'aasine, ammo fulla nami iti galu tolche. Ammalle inni waan jed'u, Anini AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini injiru.


D'ugefachaani, aka lafti dubbi Waaqatiini uumamte beenna, aka wonti nami ilaani argu waan nami ilaani ingarre keesaa baate.


Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? AABBO Waaqi Waaqa haga jiru jireenna jiru; lafa ch'ufa haguma geetuuni isumati uume. Inni dad'abe illaafu. Nami tokoleeni herega isaa inhubatu.


Tunini dubbi AABBO Waaqi waan Israeli dubbate, AABBO Waaqi ka gubba dirirse, lafa yayabe, namale mid'aase lubbu keesa kaye. Inni waan jed'u,


Nami uume nama barch'uma isaa ira gubba waan ch'ufaa tau; nami isa jalati didiqaate tut'i fakaata. Inni gubba aka golla ballise, aka waaro nami keesa tau tolche.


Eenuti dandae bisaani baariini guddinna isaani haga beekha? Yokhaani eenuti dandae gubba harka ufitini d'und'uma d'aa? Eenuti dandae biyye lafaa ch'ufa muduunu tokoti deebisa? Yokhaani gaareenifi kubilele ch'ufa miisana taka irati biima?


Atini duri lafa uumte harka keetiini gubba mid'aasite.


Waan dabre, ka gaafa isani ind'alatini, ka haga gaafa Waaqi nama lafati uume asi, lafa ch'ufa ke yaa, barbaada, laala. Wonti guddooni akana taka yayu taate? Nami tokoleeni taka waan akana kana yayu d'agaye?


Wonti hayyuuni Ajemi ka Koreshi jed'ani jed'u tana: AABBO Waaqi gubbaa, yayu gudda lafa ch'ufa na tolche, ammalle waan nani jed'e, lafa Yuda keesa, dira Yerusalemu; mana naa jaari:


Atini dandeete Waaqa qarqaarte, gubba ballifte jabdu aka sibiila diima tolchita?


Atini gubba aka waaro ballifte,


Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli ka barch'uma kanke ka waan lubbu qabu ka koola gubbaa jiru ira teetu, siuma ch'allati lafafi gubba uume lafafi nama ch'ufa fida.


Anini harka kiyyaani lafa yayabe gubba dirirse. Lafafi gubbaleeni hojja anini yaamu maro tokotu d'ufte na dura ejiti.


Isani AABBO Waaqa ka isani uume gubba dirirse, lafale yayabe ya deetani? Isani maanifi hojja ch'ufa dallansu nama isani dabse isani balleesu fed'u sodaatani? Dallansuuni worraa ammatana dandeete woma isani intolchitu.


Me gubba ilaala, urji isani agartani tana eenuti uume? Nami uume isuma, ka isi tokotokooni gayaasu; inni haga isii imbeekha ammalle ch'ufa maquma isiitiini yaama! Irreeni isaa guddo jabdu, tanaafi urjini suni tokoleeni imbaddu!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite