Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 44:9 - KITAABA WAAQA

9 Nami waan harkaani boch'ani waaqa tolfatu woma keesa injiru, wonti worri mid'aafate kad'atu sunileeni woma imbaatu. Nami waan akana kana kad'atuleeni balla, ammalle woma imbeekhu — worra inuma ch'eersani.

Gade chapit la Kopi




Isaya 44:9
43 Referans Kwoze  

Isanifi wonti isani tolchitanileeni woma keesa injirtani; nami isani kad'atuleeni kara badii keesa jira!


Waaqooti akana kunini ch'ufti woma keesa injirtu; isiini dandeete woma intolchitu — irreefi jabeenna womatu tokole inqabdu.


Nama waaqoota d'ara kad'atu ch'ufa inch'eersani; waaqooti ch'ufti d'ufte AABBO Waaqa durati gajejeti.


Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.


Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.


Tanaafi amma waan sagale waan harkaani boch'ani baasani: nu imbeenna aka wonti harkaani boch'ani suni fakeenna waan injirre; ammalle nu imbeenna aka Waaqi toko ch'allaani jiru.


Qalbi qamna ufiini jed'ani, ammo daalle tahani;


Ammo waaqi inni guddisu waaqa maneeni jajabdu qorqoratu. Inni waaqa taka ababooti isaa inkad'atiini, worqifi qarsifi d'akhaye ch'uch'ulut'ufi waan dadansa d'ibile ch'ufa baasafi.


Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.


Waaqi harkaani boch'ani ka gochiti d'ibiini qabdu dandae bokayaani d'ufa? Gubbaleeni dandeete ebele iroobdi? Hiyo, ka namaa roobu siuma AABBO Waaqa keenna. Nami waan kana ch'ufa tolchu sii, abdiini teennaleeni gamuma kee jirti.


Gochiti d'ibiini ta taka waaqa ufi jijirate injirti? (Ato inni waaqa woma keesa injirre tahele.) Ammo gumiini tiyya yayu naa jijiratte, ana, Waaqa gurra worraa kenne, lakifte, waaqa woma keesa injirre gula yaate,


AABBO Waaqi waan jed'u, gumi gosa ch'ufaa wolti koota, isani ka nyaapa keesani jalaa baatani, wolti baha! Worri mukha boch'e waaqa tolfate sunini yau, ka waaqa dandae nama imbaamne kad'atu, worra wo beekhuniti!


Nami akana kunini namuma daara nyaatu fakaata. Daallumti isaa isa balleesite qarqaarsa isa d'owarti. Inni aka wonti inni harkaani mid'aafate kad'atu sunini waan d'ara, ka waaqa intahini, ee injed'u.


Nami akana kunini ch'ufti raatu, waan tolchuu jiru imbeekhu, worri suni qalbiifi ila ch'ufate d'uga argu dida.


Waaqi waan jed'u, gumi tiyya gayaama, worri ila qaba, ammo woma inargu, gurra qaba, ammo woma ind'agau!


AABBO Waaqi waan jed'u, worra gurra inqamne ch'aqasa! Worra ila inqamne, aka dansaa ilaala!


Nami worra mid'aase abdatu ch'ufti ha akuma waaqoota suni tahuti!


Nami isa mid'aase isa abdate ha akuma isa tahuti.


ka qalbiini ammalle dukana keesa jirtu intahiina. Worri jireenna Waaqi kennu keesa qooda inqabu; wonti akanatiifi worri daalle woma imbeekhu.


Beena, waaqoota isani fohataniti boha; yo isani d'iba argattani ha worri isani baasuti.


Waaqi nama waan boch'ani waaqa jed'e kad'atu ka d'akha taanaani, mukha taanaani, sibiila taanaani mid'aase d'ossani kad'atu ha abaaruti, AABBO Waaqi waan akana kana guddo jibba. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


waaqoota worrale ch'ufa gubde — waaqoota woma keesa injirre, ka nami mukhaafi d'akha boch'e harkaani mid'aafatu.


Nyaapi, kanke aka atini worra gaargalchu feetu imbeekhu. Ee AABBO Waaqa, worra ch'eersi gaargalchi. Ha gaargala atini worraa kurfeesite argatuti. Aka atini worra kanke jaalatu worra agarsiisi.


Nama waaqoota d'ara d'ugeefate, waan harkaani boch'aniini waaqa keenna jed'u ch'ufa, aka hama ch'eersani balleesani.


Gosa ch'ufa wolti yaama, ha wolti baatu. Waaqooti worraa ta dandeete waan takaa tana taha himtu, eenu? Waaqooti worra sunii, ka waan amma tahu jira kana himtu eenu? waaqooti worraa sunini ha d'ugaa ufi gayaamte, duuba d'ugaani isaani suni d'ufte dubbi waaqoota isaani suni d'ugeesitu.


Worri akheekha suni tolfatu namuma, waan d'ibiniti. Worri ch'ufti ha d'ufuti aka dubbi isaani qorani. Worra mudamsiisaniti ch'eersani.


Worra akheekha boch'ani waaqa tolfatu ch'ufa ch'eersani, worri ch'ufti ch'eeraani bada.


Tanaafi AABBO Waaqi guddaani waan jed'u: Worri na kad'ate seera kiyya guutu aka dansaa nyaata d'ugaati qaba ammo isani gaargala beelafi d'eebu qabdani. Worri ingammada, ammo isani inch'eersani.


Achiti isani waaqoota heddu harki namaa mid'aase, waaqa mukhatifi ka d'akha, ka wo arge yokhaani ind'ageenne ka wo nyaate yokhaani insuumne kad'attani hojattani.


Waaqi worraa waan harkaani mid'aasani, isa qarsifi worqi iraa tumani.


Isani waan tau jirtani kana dansaa seetani, ammo anini ch'eera keesani mullisa, waaqooti teesani ta d'ara suni dandeete isani inqarqaartu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Akuma hattuuni hojja qabani ch'eertu, isanileeni gumi Israeli akasuma ch'eertani — hayyootafi jaarole teesanifi qaaloleefi raagooti teesanileeni.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite