Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 43:7 - KITAABA WAAQA

7 Worri gumi tiyya, ta anini uume akasiini guddinna ira argad'e.

Gade chapit la Kopi




Isaya 43:7
36 Referans Kwoze  

Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.


Worri sunini gumi anini uume tiyya tolfad'e, tanaafi isiini na faarsiti.


Tanaafi nu worri qara Kristo heregatu guddinna Waaqa faarsina!


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


Ammalle inni durooma guddinna ufi mullisu fed'e, ka eele ta inni nahufiti naqani, worra inni kurfeese aka guddinna ufi qooduufi.


Maro waan kanatifi Abbaani kiyya inguddifama, waan isani mid'aani guddo baaftaniifi; akasiini isani jara kiyya taatani.


maqa kanke mana kiyya keesafi gumi tiyya keesaleti inuma qaabatani, haga nama ilmaani d'iiratifi ta dubra qabule ira. Haga jiru jireenna si inded'ani.


Anini waan tolchu kana ufumaafi tolcha. Anini akami dandae aka maqa kiyya balleesani ee jed'a? Anini akami guddinna kiyya nama d'ibiti dabarsa?


Ee Israeli, AABBO Waaqi ka isani uume, waan isaaniini jed'u, insodaatina, anati isani baasa. Anini maqumani isani yaama, isani kiyyuma.


Aka AABBOONI Waaqa qaabad'a, isaati nu uume, nu nama isaati; nu gumi isaati, hooliye inni tisse nyaachisu.


Galata deebisitiini sorio nani guddisani; aninileeni nama naa saalfatu ch'ufa imbaasa.


Hojja worri ilmaani anini worraa kennu argu, worri hojja suni aka anini Waaqa qulqullo Israeli beekhe, na guddise na sodaata.


Nama dabsatu anini utuba Mana Waaqa kiyya tolcha, inni haga jiru keesaa imbahu. Maqa Waaqa kiyyatiifi maqa dira Waaqa kiyyale, Yerusalemu hareeti, ta gubba fulla Waaqa kiyyati baatu, isa irati t'aafa. Anileeni maqa kiyya haraa irati t'aafad'a.


Worra Yudatifi ka Yerusalemu lubbu baasani nagayaani teesisani. Dira sunile maqa iti baasani, AABBO Waaqi D'uga teenna jed'ani.


Nami maqa dansa, ka Waaqi isanii kenne, hameenna dubbatu worruma suni.


Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.


Qabanqaba woma keesa injirtu. Wonti fed'ani uumama haraa.


Arginaani Antiokiani isa d'ufe. Haga ganna toko worri gumi Waaqatiini wolwoldae nama heddu barsiise. Ammalle Antiokia keesa qara jara Yesotiini Kristiani jed'ani.


Atini aka waan taka hayyu keenna intahini nu tolchite, yokhaani aka waan nu takaa gumi tante intahini nu tolchita.


Ayyaana keesani yo maro maqa Kristotiifi isani arabsani; wonti kunini aka Lubbuuni Waaqa, ta guddinna, gara keesani d'ufte agarsiifti.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Dameeleeni mukhaa ya gogodde ch'ach'abt'e, duuba nad'eeni guurte qoraani tolfatti. Waan biyyiti woma inhubannefi, Waaqi worra uume worraa nahe ineebisufi.


Ee gubba gammadaani sirbi! Ee lafa, lalabi! Ee gaareeni, gammadaani sirba, mukeeni baddaleni ch'ufti ha sirbitu! Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Yakobo baase, Israeli keesa guddinna ufi garsiise.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


aka akanaani worri Israeli lafa Edomu ta hafteefi lafa d'ibi ta duri nama kiyya dabsatte fud'atu. Nami akasi jed'e AABBO Waaqa, ammalle waan kana isumati tolcha.


AABBO Waaqi yayu kakhu jabdu kakhate, tanaafi inni isani illakisu. Wonti akanatiifi inni ya isani fohate nama ufii isani tolche.


Gumiini tante ch'ufti waan d'uga tolchite, haga jiru jireenna laftileeni ta worraa tati. Anini worra oobre mid'aasa, aka nami ch'ufti guddinna kiyya argu.


Atini maafi nama nami tassa iti d'ufe fakaatte, aka askarti nama qarqaaru indandeenne taate? Ee AABBO Waaqa, atini numa woliini jirta! Nu gumi teeti, nu illakisini!


Ee Waaqa, nu d'agayi nu ilaali, gaargala nu keesa jirufi d'iba dira maqa kanke qabu argi. Nu d'uga qamna jenne si inkad'annu, ammo maro naasu tante guddotifi si kad'anna.


Ee AABBO, nu d'agayi, AABBO, nuu araarami, AABBO nu ch'aqasi, nu qarqaari! Aka nami ch'ufti aka atini Waaqa si beekhu, AABBO, hurrisi nu qarqaari! Dirafi gumiini tunileeni teeti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite