AABBO Waaqi guddaani ya waan kana herege; eenuti dandae isa d'owa? Inni harka ufi d'eerefate nama balleesu fed'a; eenuti dandae harka isaa keesa deebisa?
AABBO Waaqi waan jed'u, Bethlehemu Efrata, atini dira gosa Yuda ch'ufa keesa dira diqa, ammo si keesaa anini nama Israeli fidu, ka d'alooti isaa uumama duri iraa bahe, tolcha.