23 Isani nami tokoleeni, ka waan kana ch'aqasu, jira? Armaa achi aka dansaa ch'aqaftu?
Ato sila seera kiyya ch'aqaftani, nageenni aka galaana haguma jiru inch'inne isaniti yae, d'ugaani teesanileeni akuma d'awa galaana isaniti d'ufti.
Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu,
Nami qarooni nama AABBO Waaqa sodaatu. AABBO Waaqi nama diraa yaame waan jed'uuni, Isani nami dira kana keesati wolti bahu, ch'aqasa!
nami wollaala qabu nu, yayu AABBO Waaqa keennati ch'ubbamne ch'alla jed'a. Nu mukeeni gugurdo ch'ufa jalati waaqa d'ibi jaalane, gula yaane, seera kanke yakinele jed'a. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Worri waan worra dabsatanifi inhubatu, ammalle waan tahe inargu.
Ammo ammatana gumi isaa yayu saamani, boolafi mana hid'aansa keesati naqani iti ch'ufaani. Worra saamani boojiani, nama worra baasule d'abani.
Eenuti worra Israeli harka nama wosaamuti keenne? Nami nu iti ch'ubbamne AABBO Waaqaniti? Nu kara isaa gula yau dinne, seera isale ch'absine.
Duuba anini waan jed'e, AABBO Waaqa, lafti maalifi onte gogodde lafa gamooji ta nami keesa injirre taati? Eenuti qalbi waan kanaani hubatu qaba? Atini eenuti himte. Aka inni nama d'ibi barsiisu?