Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 42:16 - KITAABA WAAQA

16 Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.

Gade chapit la Kopi




Isaya 42:16
40 Referans Kwoze  

Hojja mirgaafi bita kara iraa gortani, qonqo isani duubaa dubbatu, ta karaani kana, gula deema, jettu d'ageetani.


Baleeni ch'ufti inguutamti, gaareenifi goro ch'ufa indirirsani; fulla dabdu ch'ufa qajeelchani, kara quqaa ch'ufa wolqit'eesani.


Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.


Bale ch'ufa duucha, gaareeni ch'ufa diqeesa, lafaani woli fakeesa; duuba akanaani kubileeni ch'ufti diida taate, lafti gooro qaqabdu ch'ufti dirirte qajeelti.


Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.


Ilaafi gurri worraleeni baname waan nami fed'u arge ch'aqasa.


D'araa hori gula imbadiina; waan qabdani sifefad'a. Wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Anini haga jiru isani illakisu; haga jiru isani biraa indeemu.


Gaafasi duudaleeni dubbi kitaaba ta soomani d'agaye, ballaleeni ka duri lafti iti dukanooftu amma ila banate wo arga.


AABBO Waaqi gumi ufii illakisu, yokhaani nama ufii lafa imbuusu.


Waaqi qulqullooni Israeli, AABBOONI ka isani baasu, waan jed'u: Anini AABBO Waaqa keesani ka dansuma teesaniifi isani barsiise, kara isani yau maltani isani qajeelchu.


Anumati si dura deeme, gaareenifi kubilele balleese, lafaani woliqit'eesa. Anini balbala fullo ta sibiila diimani mid'aasani ch'abse sibiila isiile ch'ufa bulleesa.


Gaafasi ballaani lafa arge, duudani wo d'agaye.


Tanaafi anini isi sosobe lafa alootini d'ufe jaalalaani iti dubbad'a.


Tanaafi anini amma dallaa qoraati iti jaare, d'akhaani marse jaare deemu d'owa.


Daalleeni wo barate, nami guyya ch'ufa gungumu waan isa barsiisani ee jed'e fud'ata.


Isani lafa tana fuula imbeetani tanaafi worri ha isani dura yae kara isani garsiisu, ammo Sanduqa Wold'aqisati ind'iaatina, ejata kuma toko hanqad'a.


duuba aka anini waan kana ch'ufa d'uga gula tolche beeta. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa gudda.


Anumati ilmaani tante barsiise nagayafi hormaata kenneefi.


Inni hordofe reebe, ka miili isaa aka waan barisu jiru nagayaani worra d'aqaba!


Me, waan Waaqi tolche heregi. Eentu dandae waan Waaqi dabse qajeelcha?


Waan dabe dandaani inqajeelchani, ammalle waan injirre dandaani inhedani.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


Ee AABBO Waaqa, atini nama dansaa kara harte daandi worri gula yau qajeelchita.


Ammo taatule, AABBO Waaqi guddo isani nahu fed'a, waan inni guyya ch'ufa waan d'uga tolchufi inni kurfo jira aka naasu ufi isani garsiisu. Ayyaana isaani, ka obse hojja ch'ufa AABBO Waaqa eegatu.


Hojja hiyyeesi d'ipu qabu bisaani barbaade d'abu, ka lubbuuni isaa d'eebuuni gogodde, anini, AABBO Waaqi, kad'acha worraa d'agaya; anini Waaqi Israeli deebie worra illakisu.


Anini ifsa mid'aase dukanale uume gaargalaafi nagayale namaatiini d'ufa. Waan kana ch'ufa ana AABBO Waaqa tolcha.


Isani hurre yaatani imbaqatanile. AABBO Waaqi keesani isa dura deeme, moga ch'ufa isani qorqorata.


ammalle nama beela qabu quubsitani, nama gaargala qabu, gaargala keesaa baaftani, dukanti isani marsitu tunini garagagalte ifsa guyyaa taati.


Gumi Waaqi baase isaniini jed'ani. Sileeni, Yerusalemu, dira Waaqi jaalatu, ka inni illakimne jed'ani.


AABBO Waaqi urji mid'aase, Torbaanifi Arba Gaadule. Inni dukana sippe guyyaase, guyyale halkani tolcha. Inni bisaani baariini gayaame lafa godduti naqa. Maqaani isaa AABBO Waaqa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite