Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 40:5 - KITAABA WAAQA

5 Duuba guddinni AABBO Waaqa mullate nami ch'ufti arga. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa.

Gade chapit la Kopi




Isaya 40:5
39 Referans Kwoze  

Ammo akuma bisaani baariini guutani, akasuma lafti beekhuma guddinna AABBO Waaqatini guutamti.


Duuba eegee anini lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa: ilmaani teesani ta d'iiratiifi ta uwalealeeni wo fadde, jaaroleeni teesani oobju oobjatte, kaimi keesanileeni daayyani wo arga.


AABBO Waaqi irre ufi qulqullooni gumi ufi baasa, duuba waan suni lafti ch'ufti inargati.


Nami ch'ufti baafama Waaqaa ila ufitiini arga.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Yerusalemu, kai, aka adu ifsi; guddinni AABBO Waaqa siti ifsuu jira!


Gaara Waaqaa qulqullo Sioni gubbati nami waan hamtu woli intolchu. Akuma baariini bisaani guutani. Akasuma laftileeni beekha AABBO Waaqatini guutamti.


gammada nami na hojatu argatu argattani. Lafa ch'ufa keesa ulfinna isanii kenne, isanileeni lafa anini abba keesani Yakobo kenna taani maachitani. Dubbi tana ana AABBO Waaqati jed'e.


Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.


Maqa isaa dansa haga jiru jireenna ha faarsani! Guddinni isaa ha lafa ch'ufa guututi. Amini! Amini!


Diri ifse adutiifi jia imfed'u, waan guddinni Waaqa iti ifse, Ilmeeni Hoolaleeni ifsa taatuufi.


Waaqi waan jed'u, Guyya muumme anini akana tolcha: Anini Lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa; ilmaani teesani ta d'iiratifi ta uwaleeni imfaddi, kaimi keesani daayya arga, jaaroleeni teesanileeni oobju oobjatti.


Jila baatitiifi ta Sabato ch'ufa nami gosa ch'ufaa wolti bahe arma Yerusalemu keesati na kad'ata.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


Nuuni ch'ufti guddinna Aabbo fuula hagogo inqamneeni akuma dawiti mullimna; kara kanaani gara nu galchani, aka isa fakaannu guddinna muumme inqamneeni; Aabbooni ka akana tolchu Lubbu.


Wonti Isayani dubbi tana jed'eefi, waan inni guddinna isaa arge waan isaa dubbateefi.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Nami ch'ufti AABBO Waaqa durati ch'allisa, wonti akanatiifi inni Mana ufii qulqullo keesaa kae d'ufuu jira.


Ammo yo isani na diddani aka hama woraanani dootani. Dubbi tana ana AABBO Waaqati jed'e.


Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.


Nami ch'ufti oobru ufii keesa, mukha zabibutifi ka oda jala, soda male nagayaani taa. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa Gudda.


Duuba anini waan jed'e, AABBO Waaqa, lafti maalifi onte gogodde lafa gamooji ta nami keesa injirre taati? Eenuti qalbi waan kanaani hubatu qaba? Atini eenuti himte. Aka inni nama d'ibi barsiisu?


AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.


lafti gamooji gammade iyyite sirbiti; isiini aka gaareeni Lebanoni mid'aade, aka oobru lafa karmelitifi Sharoni sagale baafti. Nami ch'ufti mid'aagumafi guddinnaafi jabeenna AABBO Waaqa arga.


Hojja AABBO Waaqi dira Sioni ka qara bade jaaru, inni guddinna ufii nama garsiisa.


Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi mid'aagumti fulla inni tau jirti.


Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.


Anini AABBO, Waaqa nama ch'ufati. Wonti tokoleeni ka anini tolchu indandeenne injirtu.


Inni ibidaafi goraadeeni nama lafa ch'ufa keesa jiru, ka wollaala qabu, gaargalcha — nama heddule infit'ani.


Bori diirama guddinna AABBO Waaqaa inagartani; wonti akanatiifi inni yayu haalano teesani d'agaye. Nu qara eenu ka isani teetani nu haalattani?


Gubbaani d'uga isaa odeesite, akasiini gochiti ch'ufti guddinna isaa agarti.


Kitaaba AABBO Waaqa ka waan bineensa keesati t'aafani barbaada sooma. Bineensa kana tokole keesa ind'abdani, inni ch'ufti d'alaafi korma qaba. Nami bineensa kana wolti baase AABBO Waaqa, isumati wolti yaame.


Bale ch'ufa duucha, gaareeni ch'ufa diqeesa, lafaani woli fakeesa; duuba akanaani kubileeni ch'ufti diida taate, lafti gooro qaqabdu ch'ufti dirirte qajeelti.


Nami waan kana arge imbeekha, aka anini AABBO Waaqi akasi tolche. Ammalle aka Waaqi qulqullooni Israeli waan suni tolche inhubatani.


Nama worra keeti ka dira keesati duu ch'ufa sareeti nyaata, ka alati duule ch'ufa allaatiti nyaata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Inni gumi isaa ta lakisani ch'aqase, kad'acha worraale d'agayaafi.


Ee AABBO Waaqa, atini ya gosa teenna daraarsite, lafa isaanile ballifte, akanaani gurra argatte.


Anini heregaafi huji worra imbeekha. Duuba anini d'ufe nama gosa ch'ufa wolti baasa. Worri yo wolti d'ufe, waan irreeni tiyya tolchu dandeetu arge,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite