Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 34:3 - KITAABA WAAQA

3 Reefa worraa inawaalani akanumati lakisani artumati ajae shame bada; gaareeni ira d'iigi worraa aka laga yaa.

Gade chapit la Kopi




Isaya 34:3
20 Referans Kwoze  

Anini nyaapa awaanisaa, ka mirgaa d'ufe, isani iraa balleese, lafa aloo, ta gogodde woma imbaaneti gussa. Tuuta qara Galaana ilaboruti jisse, ta lameeso baariini ila aduti jissa. Reefi worraleeni ajae shama. Waan worri isani tolche kana ch'ufafi anini worra balleesa.


Siifi duula keetifi golini teetileeni ch'ufti gaareeni Israeli irati hobaatani, reefa keesani allaatiifi bineensi alaa nyaata.


Biyyiti akuma gafarsaatifi jiboota lafa dod'oofte laftileeni d'iigaani badde, biyyeleeni d'ad'ani fiilti.


Fullaani zabibu iti ch'ach'arasani moga dira jirti. Achiti ira sirbani d'iigi fulla suni keesa yae, lafa ira d'eerinni isaa meeli d'ibba tokofi sagaltama, ammalle d'und'uma afuri gadi qile.


Anini gaargala aka lafa Misiriti buuse isaniti buuse. Anini kaima keesani lola keesati fit'e, fardoole teesanile isani iraa fuud'e, ammalle fulla isani teetani reefa namatiini ajeese. Taatule isani nati indeebine.


Guyya wonti kunini ch'ufti taate, anini Gogu Bale Ideemtu, ta galaana soda ilaboru jirtu, lafa Israeli keesa fulla iti awaalani tolchaafi. Gogufi duula isaa ch'ufa achiti awaalani, duuba bale sunini Bale Duula Gogu jed'ani.


Anini d'ukuba ch'iisa hamani iti d'ufe, woraanaleeni d'iiga isa jissa. Bokaya tamna d'akhaani roobufi ch'ile ibidatiifi ibida bobau woliini roobe, isaafi askarti isaatiifi gosa heddu goli isaa taani ch'ufa balleesa.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, muummeeni teesani duuma, jalaa imbaatani. Isani nama woraanati woraanuma sunini ch'ittani.


Yo ammalle anini ch'iisa d'ukuba hama lafa sunitini d'ufe dallansu keesa namaafi saala hobaase,


Akuma harre doote dira Yerusalemu keesa alaati hirkisani gatani.


Wonti isanii hafe, aka isani hobaasani yokhaani boojiani ch'alla. Ato akasile taate dallansuuni AABBO Waaqaa isa ira ingaltu, inni harka ufii d'eerefate ammalle isani d'aanu fed'a.


Worri hojja galu, reefa worra na dide arga. Raamooni worra nyaatu haguma jirtu indootu, ibidi worra gubu haguma jiru ind'aamu. Reefa suni nami ch'ufti ilaani jibba.


Guyya suni reefi nama AABBO Waaqi fit'u lafa haguma isiini geetunu fulla ch'ufa ch'iisa. Nami worraa bohe reefa suni wolti guure awaalu injiru, reefi worraa akuma huura lafa ch'iisa.


Yaabattuuni farda gussite, goraadeefi woraani bibiliqa! Reefi namaa ka muumme inqamne wolti tuulame, nami iti gugufata!


Anini fuud'e ala si buuse allaatiifi bineensa alalle ch'ufa si nyaachisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite