Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 34:1 - KITAABA WAAQA

1 Gosa ch'ufa koota, asi wolti baha, ch'aqasa. Lafa ch'ufafi nami keesa jiru ch'ufti ha arma d'ufe wo d'agayu.

Gade chapit la Kopi




Isaya 34:1
25 Referans Kwoze  

Akuma t'aafiini jettu, Lafafi wonti keesa jira ch'ufti ta Aabbooti.


Gosa ch'ufa wolti yaama, ha wolti baatu. Waaqooti worraa ta dandeete waan takaa tana taha himtu, eenu? Waaqooti worra sunii, ka waan amma tahu jira kana himtu eenu? waaqooti worraa sunini ha d'ugaa ufi gayaamte, duuba d'ugaani isaani suni d'ufte dubbi waaqoota isaani suni d'ugeesitu.


Waaqi waan jed'u, Isani worri lafa fago, ch'allisa, na ch'aqasa! Waan dubbachuu feetani kurfefad'a; koota, dubbad'a. Koota, wolwoldeenne, nama d'uga qabu ilaala.


AABBO Waaqi waan jed'e, gubbafi lafa, dubbi tiyya ch'aqasa! Ijoolleeni anini gugurdise ya nati garagalte na didde.


Ee lafa! Ee lafa! Ee lafa! Waan AABBO Waaqi jed'e ch'aqasi:


Nami d'iofi fago jiruleeni ha irre ani woini tolche d'agaye humna tiyya hubatu.


Ee gubba, dubbi tiyya d'agayi, ee lafa, aka dansa naa ch'aqasi.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini mid'aani mukha jireenna, ka oobru Waaqa keesati bahu, nyaachisa.


Na ch'aqasa, gosa lafa fago teetu ch'ufa! Ato anini ind'alatini AABBO Waaqi na fohate hojatu na tolfate.


Isani nami lafa keesa jiru ch'ufti ch'aqasa! Fiit'e gaareeni gubbaa baandera old'aabani ilaani barbaada! Magalata d'au jirani ch'aqasa!


AABBO Waaqi Hayyu jed'a, gosa ch'ufaati odeesa! Lafa fulla iti uumani jirtu dandani inch'oosani; inni nama ch'ufa d'uga gula qora.


AABBO Waaqi guddaani dubbate, lafa ch'ufa ilaborutiifi ila adule yaame.


Lafafi wonti isi keesa jira ch'ufti ta AABBO Waaqaati; biyyeefi wonti isi gubba jira ch'ufti tama isaati.


Ee AABBO Waaqa, nyaapi kanke ha akasuma hobauti, ammo jallaani tante ha akuma biiftu baatu ibsituti! Duuba haga ganna afurtama lafti nagaya argatte.


Ee hayyoota, ch'aqasa! Ee jaallaboota, d'agaya! Anini sirbe, AABBO Waaqa Israeli faarsa.


Lafafi gubbaleeni arra d'uga tiyya aka, hojja isani na d'ugefachu diddani, lafa ira hobaatani. Lafa Yordanini gama, ta isani diquma iti inqubatini taanile guddo keesa inteetani keesa isani balleesani.


Jennaani Waaqi waan Nuhuuni jed'e, Anini la buufad'e, aka nama ch'ufa balleesu; wonti akanatiifi lafti ya hammaatte, nami wolhad'e wolsaame, tanaafi worrafi lafale imballeesa.


Ammatana nati d'iaad'a, dubbi tiyya d'agaya. Anini haguma duriti takaa d'ossaani indubbanne, dubbi tiyyale ch'ufa la guute. (Ammatana AABBO Waaqi guddaani yayu jabeenna ufi naa kenne na erge.)


Nami anini duri, gaafa hojattu tiyya raagoota Israelitini dubbad'e,


Tunini waan Obadiaani daayyani arge. AABBO Waaqi Guddaani waan lafa Edomu akana jed'e: AABBO Waaqi ya ergattu gosa ch'ufati erge, nuleeni d'aamsa isaa kana ya d'ageenne: Kaa, kurfefad'a, nu yaasa, lafa Edomu had'u d'anna!


Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.


Wonti Edomu ka AABBO Waaqi guddaani jed'e tana: Worri Temani ya qalbi d'abe? Nami worra mala d'au ya mala d'aufi dad'abe? Qaroomi worraa ch'ufti ya bade?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite