AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.
Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.
Asani AABBO, Waaqa isa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini dandeete jabaafi laafale qarqaarta, amma nu qarqari, ee AABBO Waaqa keenna, nu si abdanne, maqa kanketini duula muumme inqamne kana had'u d'ufne. Ee AABBO, atini Waaqa keenna; nami si dabsatu tokoleeni injiru jed'e.