Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 23:18 - KITAABA WAAQA

18 Beese inni daldala iraa argate AABBO Waaqaa baasani. Beese suni oliinkayani ammo nama AABBO Waaqa kad'atu ch'ufati beese suni sagaleefi daarani baha.

Gade chapit la Kopi




Isaya 23:18
31 Referans Kwoze  

Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.


Nami dubbi Waaqa barsiisani ha waan dansa qabu ch'ufa nama isa barsiiseeni gahuuti.


Worqi qulqulliti fuud'i hafaleesi, kara qube beesisatiini qorani, dubbi tana irati qori: Inni AABBO Waaqaa qulqullo.


Jennaani Petroni kae worra woliini deeme. D'umnaani mana oli isa geesani. Nad'eeni d'iirsi iraa due isa bira ejaanjatte boote, ubaarafi woya Dorkasini gaafa jirtu hod'ite garsiifte.


Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.


Yoana, niiti Kuza, ka waan mana Herode qorqoratu, ammalle Susanafi nad'eeni d'ibiini heddu, ta hori ufitiini Yesofi jara isaa qarqaartele.


Yerusalemutiifi ta Idumeatiifi ta Yordani gama sunitiifi ta dira Tirotiifi Sidonileeni wolti baate, waan inni tolche d'ageennaani isati d'ufte.


Isani namu waan Waaqaa baasu maltani tokole inhambisina, Mana Waaqatini koota, aka sagaleeni hedduuni achi jiraattu. Duuba AABBO Waaqi waan jed'u, Na ilaalad'a, inagartani, aka anini gubba bane eeba tiyya, ta muumme inqamne, isanii buusu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Sioni kaa, nyaapa keesani aka mid'aani d'aanani d'aana! Anini aka korma looni ka gaafa sibiila guraachatiifi qeench'a sibiila diima qabu isani tolcha. Isani gosa heddu d'aantani ch'ach'arasitani, ammalle hori worri kara dabatini argate iraa fuutani ana, abba lafa ch'ufaati baaftani.


Waaqi qaroomafi beekhumafi gammada nama isa gammachiisuu keenna; ammo inni nama daba hojachiise, aka waan inni argateefi waan olkeyatu nama Waaqa gammachiisuu kennani. Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.


Nami gati namaa kenne, ammalle kara dabatani tirfi iraa fud'atu, mari marsi hori isaa nama hiyyeesa nahuti fud'ata.


Nama dansa horini isaa akhakhowani isale ind'aqaba, ammo horini ch'ubbicha ka nama d'ugaa taha.


Worri dira Tiro woini sii d'ufa, aka si naasifatu.


Hayyooti ch'ufti isaa durati jilbifate, gochiti ch'ufti isaa hojatti.


Nyaapi keesani suni hori keesani ka daldala ch'ufa saame boojie, naabo teesani ch'ufa ch'ach'abse maneeni teesani dadansa ch'ufa bulleese, d'akhaafi mukhaafi ch'abdo maneeni suni ch'ufa fuud'e baariini keesati jissa.


Worri Yudaleeni woraana suni seene Yerusalemu kalcha. Ammalle waan gochiti d'aatu jirtu ch'ufti qabdu, worqi taanaani, qarsi taanaani, woya muumme inqamnele taanaani, saamani.


Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'aqe daldaleeni, kunki shantama d'ibi argate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite