21 woyaafi gurda kanke ka huji iti kaye, huji qara atini hojatu harka isaati deebisa inni worra Yerusalemutifi ka Yuda abba iti taha.
Tanaafi Waaqa male, namu asi na inergine. Inni ya abba mala gudda ka Farao na tolche, hojattuuni isaa ch'ufti na jala jirti, finni lafa Misiri ch'ufti harka kiyya keesa jira.
Jennaani Mordekaiini, ka woya adiifi bule ta hayyuma ufira qabu, ammalle kooti boofta bule diima keeyate ruufa aka worqi jirtu maratu, hayyu biraa kae iti d'aabate. Worri dira Shushanileeni ch'ufti gammadde iyye lalabe.
hayyichi qube isaa ta beesisa, ta inni Hamani iraa fuud'e, ufiraa baase Mordekaiti kenne, Estaleeni manafi waan Hamaniini qabu ch'ufa harka isaati kennite.
ubaara d'eera inni keeyatu baafate, miha lolaatifi goraadeefi guubefi gurdale Daudii kenne.
Anini hiyyeesa abba tahe, nama fuula imbeennele ch'ufa qarqaare.