5 Ilmaani Yakoboo amma koota, ifsa AABBO Waaqi nuu kenne keesa yaana!
Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.
Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.
Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.
D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.
AABBO Waaqi waan jed'u, Lalabi, aka magalata iyyii! Worra kiyya ka Yakobo, wollaalafi ch'ubbu worri tolche iti himi!
waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
Nami si kad'ate si faarsu, ka naasu tante ta ifsa keesa tau, akami gammada!
Nama si beekhu akuma qara jaalate kaani jaalad'i. Nama d'uga qabule, akuma qara kaani waan d'uga tolchiifi.
Maro teetifi worri hojja ch'ufa gammade, dansuma tante faarsa.