Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 2:12 - KITAABA WAAQA

12 Guyya suni AABBO Waaqi guddaani nama irre qabu ch'ufa diqeese, nama kiyyibe ufi saadule ch'ufa akasuma tolcha.

Gade chapit la Kopi




Isaya 2:12
42 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka ch'ubbichafi nami ufi saaduleeni aka buuyo godde gubatu. Guyya suni worri ch'ufti gubate hobae daara d'aba.


AABBO Waaqa guddati waan kana malate. Woni inni malateefi aka kiyyiba worra suni balleese jara isaani gugurda ch'eersu.


Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


AABBO Waaqi kiyyibaa ch'ufa injibba: beekha, inni worra akasi suni ch'ufa ingaargalcha.


Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.


Wonti akanatiifi isani imbeetani, aka Guyyaani Aabbo aka hattuuni halkaniini d'uftu d'ufu.


nafa nama kana Sheet'anati kenna aka balleesani, yoosi lubbuuni isaa Guyya Aabbo imbaafamti.


Nama ufi guddisu indiqeesani, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.


Ammo anini ato guyyaani AABBO Waaqaa, ka rifannoota qabu, ingeenne, raaga Eliya isaniti erga.


Gaargala keesani worra guyya AABBO Waaqi d'ufu guddise eegu! Guyyaani suni maani isanii baha? Guyyaani suni ufiftu isanii dukana, ifsaniti.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


Worri fulla naaboni ch'abt'eeni inqorqoratu, yokhaani injaaru, tanaafi guyya AABBO Waaqi woraanaani d'ufu nami Israeli tokoleeni dandae duraa imbahu.


Kunini guyya AABBO Waaqa guddaa, ka inni haalo baafate, nyaapa isaa balleesu. Goraadeeni isaa worra nyaatte, d'iiga worraa d'udde quufti. Arra AABBO Waaqi guddaani sorio mirga d'aatu galaana Fratiti qaqala.


Guyyaani ind'ufa, ka AABBO Waaqi waan gubba mohatatifi waan lafa mohatale gaargalchu.


Lafti qanch'ooratte gogoddi; lafti ch'ufti lalaafte, lafafi gubbaleeni shamti.


Guyyaani AABBO Waaqa d'ufuu jira — guyyaani hamani inni aka male dallanu. Lafti ch'ufti aloo taate, nama ch'ubbu ch'ufa balleesani.


Laalefad'a, boha! Guyyaani AABBO Waaqaa yayu d'iaate, guyyaani Waaqi guddaani lafa balleesu.


Nama ufi insaane baafte nama ufi saadu lafa buufta.


Waaqi guddaani maafi guyya qorsumma intolchini? Nami isa beekhu maafi guyya suni barbaade d'aba?


Ee AABBO Waaqa, anini ufi saadu ya lakise deebie ufi inkoorsu. Anini waan jabdu waan inhubanne keesa imbuu.


Anini kubileefi gaareeni ch'ufa balleese, buuyofi mukha ch'ufa gogosa. Anini galaana lafa gamooji tolche, haro bisaani gogosa.


Inni ya na erge, aka anini bara Waaqi gumi ufi baase nyaapa worra dabsatu himu. Inni ya na erge, aka anini nama bohu ch'ufa kibe garaa jabeese,


Guyyaani hamaani d'ufuu jira, ka nami takaa arge ind'agayini — guyya gumiini tiyya ta Yakobo gaargaltu, ammo ha taatu worri inuma baha.


Tanaafi AABBO Waaqi waan jed'u, Anini aka gaargala isani jala imbaanne isaniti d'ufu, malachu jira. Duuba gaargala argattani, deebitani aka duri kaani kiyyiba iyyaatani.


Anini dira keesani balleese waan isani nyaapani ufiraa d'owartani jaartani ch'ufa ch'ach'absa.


guyya magalata lolaa d'aani askartiini dira jajabaafi doofi d'ed'eertu iyyite haatu taha.


Gaafasi isani gumiini tiyya waan isani qara na diddanifi deebitani inch'eertani. Anini nama kiyyiba ufi saadu ch'ufa isani keesaa baase, isani deebitani gaara kiyya qulqullo irati mi mata d'aabdani ufi inguddiftani.


Ee AABBO Waaqa, atini ifsa naa kennite, dukana naraa balleesita.


Ammo AABBO Waaqi waan aka ch'ubbicha balleesani beekhufi isa kobla.


Atini nama nama ch'ufa qoru; kai, waan kiyyiba malle kennifi!


Nama diqaafi guddale ch'ufa ch'eersani, nama ufi guddisu ch'ufa diqeesani.


Ammo AABBO Waaqi waan jed'u, gaafa anini huji tiyya gaara Sioni gubbafi Yerusalemu keesale hobaasu, anini hayyu Ashuru ingaargalcha, waan inni akasi kiyyibe ufi olfuud'eefi.


AABBO Waaqi guddaani irre isaatini, akuma dame mukha ch'irani, worra ch'ire lafa buusa, ka kiyyibe ufi olifuud'u murre gadi buusa.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini baddi lafatini d'ufe, nama ch'ubbu qabu ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalcha. Anini kiyyiba ch'ufa d'owe, nama hamama ufi olifuud'ule gaargalcha.


Ammo fulla boola Ekheraatini si d'ufani, hunda boola si buusani.


Inni nama irre qabu, ka lafa fidu, balleese, nama woma keesa injirre tolcha.


Gumiini anini fohad'e sunini simpirre qoreeni gama ch'ufaa butte fakaati. Bineensa ala wolti yaama, ha d'ufe nyaatuti!


wonti AABBO Waaqi jed'u tana, Anini karuma kanaani kiyyiba worra Yudatifi kiyyiba gudda worra Yerusalemu iraa galcha.


Babiloni, kiyyibi ya sira dabre, tanaafi anini, AABBO Waaqi guddaani, nyaapa siti tahe! Hojaani anini si gaargalchu ya geete.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite