Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 16:5 - KITAABA WAAQA

5 Duuba nami d'aloota Daudi toko hayyu tahe, d'ugaafi jaalalani biyya fida. Inni waan d'uga hurrise tolche, ammalle aka nami nama indabsine qorqorata.

Gade chapit la Kopi




Isaya 16:5
31 Referans Kwoze  

Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Hayyuuni yo d'ugaafi qajeelumafi jaalala ch'allaani nama mohatu ch'alla lafa moha.


Atini haga jirtu d'aloota ind'abdu. Hayyumti teetileeni muumme inqabdu ta haga jiru jireenna.


AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini mana Daudi, ka jige aka hoosa jiru, deebise fulla isaa ta ch'ach'abde ch'ufa mid'ad'aase jaare aka qara inni jiruti deebisu,


Anini hayyufi abba duula isa tolche, irre tiyya isaani worra garsiise.


Yo hayyuuni hiyyeesa d'ugaani fide, inni bara heddu lafa fida.


Ee Hayyu gudda, atini waan d'uga jaalate, Israeli keesa d'uga suni jabeesita; atini d'ugaafi qajeeluma lafaani d'ufte.


Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.


Finna kanke d'ugaafi qajeeluma irati yayabani; d'ugaafi jaalalti waan atini tolchitu ch'ufa keesati mullatti.


Jaalala ind'umanneefi d'ugaani wold'at'e, qajeelumafi nageenni wold'ungate.


Lafa Yuda ch'ufa keesa Hezekiani waan d'uga, ka AABBO Waaqa isaa gammachiisa, tolche.


AABBO Waaqa kanke ha faarsani! Inni si maache hayyu Israeli si tolche. Waan inni haga jiru jireenna Israeli jaalateefi inni hayyu worraa si tolche, aka atini d'ugaani worra fide seerale jabeesitu.


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


Eegi Daudini dira jaba suni qabe, inni keesa tae, dira Daudi jed'e maqa iti baase. Inni dira suni fulla d'ooqa ta gaarani ilaborutiini jala qabate ballise marse jaare.


Haadi hobolo suni woma keesa injiru, woya isiini deemsisani dandaani imbalisani! Nu hori nyaapa keenna boojine, horiini sunini lafa ira dabre qoodi isaa naafale ch'ufa gaha. AABBO Waaqati hayyu keenna tahe nu fide nu qorqorata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite