3 Akuma bisaani eela qullooni nama d'eebuu qabu gammachiisani, akasuma gumiini Waaqaa hojja inni worra baasu gammaddi.
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.
Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.
wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.
Wonti akanatiifi gumiini tiyya yayu kara lamaani ch'ubbu tolchite: Worri yayu ana madda inch'inne lakise, qaba bisaani, ta babaqat'e bisaani keesa inteenne heddu qotate.
Worri deebie beelae ind'eebootu. Aduufi owi lafa alooleeni worra woma intolchu. Wonti akanatiifi nama worraa nahuti worraani deeme madda bisaaniti geesa.
Eebiti isaa qit'e, hojja ch'ufa guddo nu eebisa.
Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.
Bad'aasoni kiyya yo d'iira d'ibiini wolbira qabani akuma mukha mapeera ka badda ke jiru jira. Anini gaadisa isaa jala boqochu fed'a. Mid'aani isaaleeni nati miyaani.
Jennaani Hanani Waaqa kad'ate waan jette: AABBO Waaqi yayu gammachuuni garaa kiyya guute; maro inni waan kana naa tolchefi amma garaani yayu na jabaate! Anini amma nyaapa kiyya kobla; anini akami gammachu qaba maro Waaqi na qarqaarefi!
Anini gaara gubbaani isaa adaala ira galaana yaase, baleele maddisiisa, anini lafa gamooji haro bisaani tolche, lafa goddule madda bisaani tolche.
Bisaani sunini fulla yaani ch'ufati bineensaafi qurt'umi d'alani. Ammalle bisaani galaana soodale mid'aasani, fulla yaani ch'ufati woi jireesani.
Worri sirbe, faaru d'aate waan jed'u; eebiti teenna ch'ufti Sioni keesaa baati.
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.