Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 11:10 - KITAABA WAAQA

10 Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.

Gade chapit la Kopi




Isaya 11:10
46 Referans Kwoze  

Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.


D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.


Anileeni, yo lafa tana oli na fuud'ani, nama ch'ufa ufiti hirkisa.


Gochiti ch'ufti maqa isaa abdatti.


Me ilaala, nami hedduuni mirga bitaa d'ufe Abrahamufi Isaaqofi Yakobo woliini Finna gubba keesa taani.


Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.


Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Mani hareesi kunini dulacha qarale ira mid'aaga; achiti anini worra kiyya nagaya guute hormaata kennaafi.


AABBO Waaqi guddaani waan gumi ufitini jed'u, Anini gosa ch'ufa akheekha agarsiise harkaani yaama, duuba worri ilmaani teesani ta dubraatifi ta d'iirale baate worraa keesani galcha.


Nami AABBO Waaqati baqate, qarqaarsa isa iraa fed'atu,


Gochiti d'ibiini ifsa keetiti d'ufte, hayyootileeni ifsa kanke ka bariiti yaati.


Ororooni inni namaani fidu harkaa imbuutu, lichooni hayyumaa worra isaa keesaa imbaatu, haga abbaani damoosa baasanifi d'ufe isa durati gajed'ani saalfatanifiiti.


Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.


Duuba, Waaqi ya nuti kakhate, aka nu olseene isa woliini boqonnu. Tanaafi nu qorqorachu malle, aka isani tokoleeni boqota suni ind'amne.


Tanaafi isani beekad'a, baafami Waaqa gara gosa d'ibi layu d'ufe, ammalle worri inch'aqasa! [


aka nami worra gaargalchu anuma beekha. Ammo anini worra nama haga gari lakise, gosafi lafa fago, ta gurra kiyyaafi jabeennaafi guddinna kiyya ind'aagayiniti erga: lafti suni Tarshishi, Libia, Ludi ta nami isii t'iyole ammalle Tubalifi Yavani. Duuba gosa tana keesa worri guddinna kiyya odeesa.


Atini waan kana arginaani gammade qilit'amta. Hormaati gosa d'ibi siti d'ufe, baariini gamale wonti worri qabu sii d'ufti.


Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.


Inni qara nama dad'abeeni armati boqod'a, hafuura baafad'a jed'e, ammo isani isa ch'aqasu diddani.


Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.


Gumiini Waaqa ha gammade, geerarte, halkani ch'ufa gammadani sirbituti.


Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqi ya na eebise, garaa jabaad'i.


Inni koola isaa jala si keeyate, si d'osse, si qorqorata; d'ugaani isaleeni woraanafi wonte si taati.


AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu.


AABBO Waaqi gaargalaafi d'ukubsachaafi huji jajabdu worra Israeli hojachiisani ira hafuura baasafi.


Jennaani jaarsi toko waan naani jed'e, Imbohiini, ilaali! Nyeench'i gosa Yuda, ka d'aloota Daudi, ya dabsate, inni beesisa torbaani ch'abse woraqata banu indandaa.


Gumiini Israeli gaara qulqullo Sinaiti kaate, godaana guyya sadi godaante. Sanduqi Wold'aqisa AABBO Waaqa hojja ch'ufa worra dura deeme, aka fulla qutuma worraa laalu.


AABBO Waaqi baandera oliqabe gosa ch'ufa garsiisa, aka inni worra Israelitiifi ka Yuda ka gargari firfirsani boojiani, wolti guure, gama lafa ch'ufaa woltiini d'ufa.


Worra Yerusalemu, dira keesaa baha, worra keesani ka galu kara mid'aasa! Kara balla ch'ira, d'akha keesaa guura! Baandera oliqaba, gosa ch'ufa garsiisa.


Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani.


Worri guddinna finna keeti dubbate jabeenna keetile odeesa,


Takaa tana gaari Mana Waaqaa irati jaarani gaara ch'ufa ira d'eerate kubile ch'ufa bira dabra. Gochiti hedduuni aka biyye tana iti yaate,


waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Inni ufi jibbaate garaa ilaafu haga lafa ch'ufa keesati d'uga jabeese guututi. Lafti fagoleeni seera isaa guddo teete eegatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite