10 Anini harka kiyya d'eerefad'e, lafa waan harkaani boch'ani kad'atu, ta wonti kad'atani sunini ta Yerusalemutifi ta Samariale ira heddu, gaargalchuu fed'e.
Gochiti lafaa mana simpirre fakaati, duuba anini waan worri qabu akuma okhokaani guurani gaargala male guura. Wonti barisa tokoleeni na insodaachimne, yokhaani wonti afaani qaba tokoleeni nati iniyyine!
Ammalle worri Waaqa Yerusalemu, akuma Waaqa gosa d'ibi, ka harkaani mid'aasani kaani, sehe miid'e.
Hayyichi nyaapa ufii ch'ufa qabe, nama isa jibbule ch'ufa qaba.
Waaqa worrale ch'ufa gubde waaqa woma keesa injirre, ka nami mukhaafi d'akha boch'e harkaani mid'aafatu.