Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Isaya 1:17 - KITAABA WAAQA

17 aka waan dansaa tolchitani barad'a. D'uga barbaada gula yaa, nama dabsani barbaada, ilmaani hiyyeeyi waan isii kennafi, nad'eeni hiyyeeyile dubbad'afi.

Gade chapit la Kopi




Isaya 1:17
24 Referans Kwoze  

Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Wonti AABBO Waaqi jed'u tana, waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha; nama dabsani harka nama dabsu jalaa baasa. Nama gosa d'ibitifi hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyile gaargalchitani indabsina; ammalle fulla qulqullo tanati nama woma iyyakini infit'ina.


Worri kanke gugurdaani nama d'ugaa dide hattu waheelchu: worri hojja ch'ufa gumbo jaalate waan nama ira nyaatu barbaada. Worri ilmaani hiyyeeyiti indubbatu, yokhaani nad'eeni hiyyeeyi dubbi isii jalaa inqabu.


Worraa dubbad'i, dubbi worraa d'uga gula qori aada worraa badi d'owi.


Woni isani tolchu maltani kana: D'uga wolti dubbad'a, fulla gaadisa qorsuma d'uga gula woi qora — d'uga ta nagayaani d'uftu.


AABBO Waaqa barbaada, isani worri balchichi, ka seera isaa guutu. Waan qajeela barbaada, AABBO Waaqa durati ufi balchoomsa. Hegeri guyya dallansu AABBO Waaqa duraa baatanifa.


Tanaafi amma, ee hayyicha gorsa kiyya ch'aqasi, fud'ad'i. Ch'ubbu lakisi, waan dansaa tolchi, hiyyeesale nahi, duuba atini horteeti bulta.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Sagaleeni tunini ta worra gosa Lawiti wonti akanatiifi worri qooda lafa inqabu: ammalle sagaleeni suni ta keessumatifi ta hiyyeeyitifi ta nad'eeni d'iirsi ira due ta dira keesaani keesa teetuti. Worri ha d'ufe nyaate quufuti. Waan kana tolcha, duuba AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebisa.


ch'ubbu ira deebii, waan dansaa tolchi; garaa kanke ch'ufaani nagaya barbaadi.


AABBO Waaqi waan jed'u, D'ugaafi qajeeluma tolcha, wonti akanatiifi baafami kiyya ya d'iaate.


Ufi agabsitini d'ugaa ta anini jaalad'u tana: sansalata isani namaani dabsitanifi qaampara isani namaani d'owartani balleesa, nama isani dabsitani gad'iisa.


worra d'aloota Daudi! AABBO Waaqi waan jed'u, Guyya ch'ufa waan tolchitani ch'ufa d'uga gula tolcha. Nama dabsani harka nama dabse jalaa baasa. Yo baasu baatani, wonti hamtuni isani tolchitani kuni dallansu tiyya aka ibida nami dandae ind'aafine bobeesiti.


Anini maro heddu raagoota hojattu tiyya isaniti erge worrileeni isani gorse waan jed'e, Isani nami ch'ufti hameenna lakisa, waan d'uga gula yaa. Waaqa d'ibi gula yaatani inhojatinafi. Duuba yo suni, lafa anini ababoota teesani kenne nagayaani keesa teetani. Ammo isani dubbi tiyya ind'ageenne yokhaani na jalaa inqamne.


Hameenna isani tolchitani kana ch'ufa yaala baha, qalbiifi garaa hareesa horad'a. Isani worri Israeli, maafi badu feetani?


Nama gosa d'ibi iti ch'ubbamtani indabsina; qaabad'a, aka isanileeni lafa Misirileti keessuma taatani.


AABBO Waaqi mana kiyyibaa imballeesa, ammo fulla niitiini hiyyeetini qubatu inqorqorata.


AABBO Waaqi sorio atini baaftufi ira, d'ugaafi qajeeluma atini tolchitu fed'a.


Aki isani hiyyeesa d'uga d'owitani dabsitani balleesitani akana. Aki isani hori nad'eeni hiyyeeyitifi ka ilmaani hiyyeeyi saamtani guurattani akasi.


Nami si keesa jiru tokoleeni, ka worra ufiiti saalfatu, injiru. Atini nama gosa d'ibi, ka si keesa tau dabsite, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile saamte.


AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite