Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 9:31 - KITAABA WAAQA

31 Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 9:31
56 Referans Kwoze  

Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.


isii jabeese qorqorata. Inni guyya ch'ufa gumi ufi baase, beekhumafi qarooma kennaafi. Wonti guddo worraa wo baha soda worri AABBO Waaqa sodaatu.


Ch'ubbicha inhalchini, ammo hojja ch'ufa AABBO Waaqa sodaad'i.


Ee AABBO Waaqa, kara kanke na garsiisi, duuba anini jabaad'e d'uga tante gula deema; aka anini garaa tokooni si hojad'u herega kiyya ch'ufa qajeelchi.


Abdiini tunini nu inch'eersitu, waan Waaqi jaalala ufi Lubbu Qulqullooni garaa keenna keesa dambalaaseefi. Lubbuuni Qulqullooni suni qarqaarsa Waaqi nuu kenne.


Nami qalbi horachu fed'u, qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachu male. Daalleeni qarooma tufate woi barachu diddi.


Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.


Sauloni ijeecha isaa Ee jed'e. Guyyuma suni gumi Waaqa ta Yerusalemu jirtu guddo gaargalchani. Duuba ergattu male gumiini taani ch'ufti lafa Yudeatiifi Samaria keesa gargari firfirfamte.


Ch'ubbu jibbitiini AABBO Waaqa sodaacha, anini kiyyibafi ufi saadu jibba. Ammalle waan d'araatifi kara hama infed'u.


Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.


Jennaani anini waan jed'eeni, wonti isani tolchitani sunini diqole dansaniti! Sila Waaqa sodaatani waan dansa tahu maltani. Yo akasi taatani nyaapi keenna, ka gosa d'ibi, waan nu goyeesuuni inqabu.


Wonti inni waan kana tolcheefi aka gumi Waaqa ch'ufa huji Waaqaati kurfeesu, aka nafa Kristo jaarani.


Maro waan kanatifi anini tatabe tana, ato fago isani ira jiraad'ele, isaniti t'aafa; aka yo d'ufu, anini jabeenna Aabbooni na kenneeni isaniti indalanne, jabeenna isaniini jabeesu ka isaniini balleesuniti.


Anini diqo haganale inch'eerfad'u, ato jabeenna Aabbooni nuu kenne kanaafi diqo ufi guddisele — jabeenna isani ijaaru male, ka isani balleesuniti.


Kakhu tana ch'ufa nuu khakhatani, jaalaani tiyya! Tanaafi waan nafafi lubbu t'ureesa laganna, qulqulloomne soda Waaqaa keesa tau malle.


Tanaafi gumiini Waaqa d'ugefacha keesa jajabaatte guyya ch'ufa heddatte.


Ammo dubbini Waaqa guddatte fulla heddu geete.


Dubbini Waaqa guddatte, ammalle henni jara Yeso ka Yerusalemu keesa guddate, qaaloleeni hedduleeni d'ugefatte gula yaate.


Jari duri na durati gudda lafa suni tahe ch'ufti biyya dabse, guyya ch'ufa qarsi afurtamatiifi daad'ifi sagale ira guurata.


Ammo isani, jaallaani tiyya, d'ugefacha teesani qulqullo jabeesa gula yaa. Jabeenna Lubbu Qulqullotiini Waaqa kad'ad'a,


Tanaafi boqota gumi Waaqa injira ammalle, akuma Waaqi guyya Sabato boqote suni.


Odu duritiifi maqa heddu ka ababoota, Lakisa jed'iini; wonti kunini wolmormiti ch'allaani d'ufti; fed'i Waaqa ta d'ugefacha ch'allaani beekhani inguutu.


Maro waan kanatifi woljabeesa, wolqarqaara, akuma amma tolchitani kana.


Yoosi aka Aabbooni fed'u teetani, hojja ch'ufa waan inni jaalatu tolchitani. Jireenni keesani waan isani hojattani ch'ufa keesati mid'aani baasa, isanileeni beekhuma Waaqa keesa guddattani.


Jireenni keesani ka Kristo keesaa isani jabeesa mo? Jaalalti isaa garaa keesani jabeesiti? Lubbuuni wold'aqisa qabdu? Woli naatu?


Woli ch'eera, maro Kristo saalfattaniifi.


Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu.


Jabeenna isaatiini nafi keenna ch'ufti taka, ammalle nafi ch'ufti mita ufitiini wolti eja. Tanaafi yo mitaani ch'ufti garaa ufitiini hojate, nafi ch'ufti guddate jaalalaani jabaata.


Hegeri isani waan nu haguma duriiti ufi dubbachu jirru nu seetani. Hiyyo, nu waan Kristoni nuu dubbachu fed'u dubbanna, fuula Waaqa durati, ammalle waan nu tolchinu ch'ufa, jaalaani tiyya, isaniini qarqaara.


Wonti anini jechu jiru kunini maani, oboleyaani? Hojja isani wolwoldeetani, nami toko sirba qaba, toko barsiisa qaba, toko waan Waaqi iti mullise qaba, ka d'ibiini afaani d'ibiini dubbata, kaani afaani deebisaafi. Wonti ch'ufti sila gumi qarqaaru malte.


Waan isani kenniti Lubbu feetaniifi, waan ch'ufa ira ta gumi qarqaarte jabeesitu barbaadu maltani.


Tanaafi nu hojja ch'ufa waan nagaya nu kennaafi ta woli jabeesiti barbaadu malle.


Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka nami dira heddu keesaa bahe Yerusalemu d'ufu.


Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.


Atini gaargala jalaa isa baafta, haga boola qotani ch'ubbicha keesa buusaniti.


Inni ammalle waan worraani jed'e, AABBO Waaqi keesani isani woliini jiraate, mirgaafi bitaani teesani ch'ufti nagaya taate. Inni nama duri lafa tana keesa tau ch'ufa harka kiyyati kenne, worri sunini amma isaanifi AABBO Waaqa jalati bula.


Amma ilmati sii d'alata, ka nagayaani lafa fiddu, wonti akanatiifi anini nagaya isaa kenne, nyaapa isaa ch'ufa duraa balleesa. Maqa isaa Solomoni baasiifi, wonti akanatiifi bara inni lafa fidu anini lafa Israeli nagayafi bad'aad'a tolcha.


Guyya suni worri Israeli worra Moabu dabsate, duuba lafti haga ganna saddeetama nagaya argate.


AABBO Waaqi akuma ababoota worrati kakhate, lafa suni ch'ufa keesa nagaya kenne. Nyaapi worra tokoleeni taka worra dura inejine; wonti akanatiifi AABBO Waaqati nyaapa worra ch'ufa harka worrati kenne.


Hojja galaana Yordani taakitani AABBO Waaqi lafa suni isani kenne isani keesa teetani. Inni nyaapa keesani ch'ufa isani iraa d'owe, isani nagayaani teetani.


Waaqa faarsani, biyyiti ch'ufti worra jaalatte. Guyya ch'ufa Aabbooni nama baafamu gumiti dare.


Gumi Waaqatiifi nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo sodaate.


Ammatana harka Waaqatiifi dubbi eeba isaati isani lakisa. Isiini dandeete isani jabeesite worra qulqullo woliini d'aala isani kenniti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite