Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 9:13 - KITAABA WAAQA

13 Jennaani Ananiani waan jed'e, Aabbo, anini ya nama heddu ira waan namicha kana d'agaye, aka inni gumi tante qulqullo Yerusalemu jirtu waan hamtu tolche.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 9:13
31 Referans Kwoze  

Ammo Sauloni gumi Waaqa guddo gaargalche, mana ch'ufa seene, d'iirafi nad'eenile hid'aansati guure.


Irreeni AABBO Waaqa humna guddoni nati d'ufte, ato lubbuuni isaa oliini na deemtu anini aka male dallane garaa hammaad'e.


Ammo Sauloni ammalle jara Aabbo rifachiise, aka gaargalchu herege. Inni gara Qaallicha Gudda d'aqe,


Filologofi Yuliafi Nereafi oboleeti isaatiifi Olimpafi gumi Kristiana ta worra woliini jirtu ch'ufa nagaya naa fuud'a.


Maqa Waaqaatiini, aka gumiini Waaqa tolchu malte, isi fud'ad'a, ammalle d'ipu isiini qabdu ch'ufa baasa, waan isiini anaafi nama d'ibile guddo qarqaarteefi.


Kad'ad'a, aka anini worra ind'ugefatiini ka Yudea keesa jiru nagayaani jalaa bahu, ammalle aka huji anini hojad'u gumiini Waaqa ta achi jirtu quuftu.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Ammalle anini nama Kara kana gula deemu haga duisa gaargalche, d'iirafi nad'eenile hid'e, mana hid'aansa keesa naqe.


Ato Petroni fulluma ch'ufa jiddu worra keesa dedeemu, inni fulla gumi qulqullo, ta Lidia teetu, d'ufe.


Kuno, anini aka ilmoole hooliye jiddu yaiti isani erga. Tanaafi aka bofa qaro taha, ammalle aka sabaliisa nagayaani taa.


Ammo Samuelini waan jed'eeni, Anini akami dandae akasi tolcha? Sauloni, yo d'agaye, na ijeesa! AABBO Waaqi waan jed'eeni, Goromsa toko fuud'i, duuba anini sorio AABBO Waaqa baasu d'ufe jed'i.


Ammo nami isa d'agaye ch'ufti mame waan jed'e, Kunini namicha nama maqa kana yaamatu, Yerusalemu keesati, ijeese kaaniyu? Ammalle wonti inni d'ufeefi, aka nama hid'e gara qaalole gugurdo geesu.


Inni harka isii qabate olfuud'e, gumi qulqullofi nad'eeni d'iirsi iraa due yaame, isi jirtu worrati kenne.


Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtu ta yaamani worra Waaqa tolchani, ta maro Kristo Yesotiifi worra isaa taate, ammalle gara nama lafa ch'ufa ka maqa Aabbo Yeso Kristo yaamatu: Inni Abba keennafi ka worraati.


Waan ch'eeraa taatani! Nami qalbi qabu ka dandae wolti isani araarsu tokoleeni gumi teesani keesa injiru?


Wonti akanatiifi Waaqi aka nu wolti goonu infed'u, ammo inni aka nu nagayaani teennu fed'a. Akuma woldeenna gumi ch'ufa keesa,


Amma waan hori gumi Waaqa ta Yudea jirtuni qarqaarani ka isani na gaafattani, anini akana jed'a: waan anini gumi Galatiatini tolcha jed'e tolchuu maltani.


Maqaani kiyya Paulo; anini fed'i Waaqaatiini ergattu Kristo Yeso tahe. Gara gumi Waaqa ta Efeso keesa jirtu, ta jireenna ufitiini Kristo Yeso d'ugefate tatabe tana t'aafa.


Maqaani keenna Paulofi Timotheo, hojattu Kristo Yeso. Gara gumi Waaqa ta lafa Filipi keesa jirtu, ta Kristo Yeso d'ugefattu, jaarole gumitiifi jara gumi Waaqa hojatu woliini:


Gumiini Waaqa ch'ufti nagaya d'aamti, keesuma worri mana hayyu gudda.


Gara gumi Waaqa ta Kolosai jirtu, oboleyaani teenna ta d'uga Kristo keesa jirtu. Waaqi Abbaani keenna eebafi nagaya isanii kenninna.


Nama isani dura deemuufi gumi Waaqa ch'ufa nagaya nuu fuud'a. Oboleyaani lafa Taliana nagaya isani d'aamti.


Jaalaani tiyya, anini guddo herege aka waan baafama nuuni ch'ufti woliini qamnu isani t'aafu; duuba tatabe tana ya isanii t'aafe aka isani jabaattani, d'ugefacha Waaqi gumi isaa ch'ufa maro tokotu kenne jabeesitani badi d'owartani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite