16 Lubbuuni Qulqullooni qara worra ira imbuune, ammo maqa Aabbo Yeso ch'allaani batifamani male.
Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.
inni waan worraani jed'e, Isani gaafa d'ugefattani Lubbu Qulqullo argattani? Worri waan jed'eeni, Hiyyo, aka Lubbuuni Qulqullooni jirtule imbeennu.
Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,
Isaniini ch'ufti ka Kristo keesati batisani ya Kristo aka woya uyifattani.
Isani waan kana imbeetaniniti? Gaafa nu Kristo Yeso keesa batifamne duisa isaa keesa batifamne.