Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 5:9 - KITAABA WAAQA

9 Duuba Petroni waan jed'eeni, isani akami aka lubbu Aabbo sobdani wold'at'ani? Me ilaali, miili jara d'iirsa kanke awaale ammalle fulluma balbala jira, sile imfuud'ani.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 5:9
24 Referans Kwoze  

Aabbole lalaachu himmalle, aka worri nami gari tolche, duuba bofi ide worra balleese.


Ammo worri Waaqa gudda ilaalate, isa dide seera isaale ch'abse,


Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.


Duuba maafi Waaqati gamtani, qaampara jara Yeso ira keetani, ka ababoota teennaafi nuleeni baachu indandeenne?


Jennaani inni isa yaame waan jed'eeni, Wonti anini siti d'agayu kuni maani? Hori kiyya ch'ufa hedi, harka kiyyati deebisi, armaa achi iti deebite na inhojattu.


Yesoni waan jed'eeni, Ammalle t'aafiini waan jettu, Aabbo Waaqa kanke inilaalatiini.


Worri ch'ufti aka waan hamtu tolchu ya iti ogeesa tahe. Jaaroleefi jaallabi gumbo nama ira fud'ata. Nami gurra qabu waan fed'u worra suniti hime duuba ch'ubbu iti wold'aqani.


AABBO Waaqi kiyyibaa ch'ufa injibba: beekha, inni worra akasi suni ch'ufa ingaargalcha.


Waan kana hubad'a, ch'ubbichi gaargala inuma argata, ammo nami d'ugaa gaargala duraa baha.


Isani nama woi hatu ka agartani ch'ufa, jaala tolfatani, nama nad'eeni biyyaa gula dedeemu ch'ufa, wahela tolfatani.


Duuba inni nama erge Elisha yaame. Hojja suni Elishani jaarole keessuma tokooni woliini worra ufi jira. Ato namichi hayyuuni erge ind'ufini Elishani waan jaaroleeni jed'e me ilaala, hayyichi harka d'iiga kaani nama na ijeesu nati erguti jira! Amma yo nami suni armaani bahe, balbala iti ch'ufa, seenu d'owa. Hayyichileeni faanuma isaa jira.


worri kunini nami tokoleeni ka iraa hafe lafa tana seenu injiru. Worri guddinna kiyya ka bibiliqufi akheekha waan mama ka anini lafa Misiritiifi lafa aloo keesati tolche ya arge. Ammo worri maro heddu na ilaalate na ch'aqasu dide.


Fulla suni maqa Masafi Meriba baaseefi; wonti akanatiifi worri Israeli Musa d'ugefachu dide AABBO Waaqa ilaalate waan jed'e, Isii, AABBO Waaqi jiddu teenna jira mo injiru?


Jennaani worri Musati bohe waan jed'eeni, Bisaani d'ugani nuu kenni. Musani waan jed'eeni, Isani maafi gungumtani? Isani maafi Waaqa ilaalattani?


Dubbi akamiini odeesani yo nama odeesu inergiini? Akuma t'aafiini jettu, Miili worra odu dansa odeesu akami mid'aaga!


Jari kaima toko d'ufe, reefa isaa woyaani mamare d'aqe awaale.


Gaafa Waaqi lafa abba kiyya keesaa lafa d'ibiti na erge, anini waan Saraani jed'e, Aka fed'i te na garsiiftu, nama ch'ufaani, Anini oboleeti isaa jed'i jed'eeni.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite