38 Tanaafi amma waan anini isaniini jed'u, Jara kana hanqad'a, lakisa. Yo dubbi tanaafi hujiini tuni ta namaa taate inuma baddi;
Inni waan jed'e, Mukha Abbaani kiyya ka gubba inobriini ch'ufa imbuqisani.
Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.
Yo AABBO Waaqi si jibbe, wonti tokoleeni ta atini qarqaarsa iraa argattu injirtu, qarooma taanaani, beekha taanaani, malalle taanaani.
Wonti akanatiifi wonti nami lafa qarooma sehu fuula Waaqa durati woma imbaatu. Akuma t'aafiini jettu, Waaqi nama qaro qarooma isaa keesati t'urura keesa kaya.
Yo akanati lakimne, nami ch'ufti isa d'ugefata, duuba Rumiini d'ufte Mana Waaqaatiifi gosa teenna balleesiti!
Anini worra Ashuru lafa tiyya keesaa balleese, gaareeni tiyya gubbati ira ejaanjad'a. Anini worra kiyya qaampara worra Ashuru iraa baase ulfinna worri baatu iraa fuud'a.
Nyaapi keenna aka nu mala worraa beekanne d'agaye, akanaani aka Waaqi mala worra balleese arge. Duuba nuni ch'ufti deebine naabo jaarre.
Jennaani waan jaaroleeni jed'e, Isani worra Israeli, waan jara kana tolchitani eegad'a.
Batisooni Yohana gubbaa baate mo lafaa baate? Nati hima.