Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 5:36 - KITAABA WAAQA

36 Duri namichi toko ka Theuda jed'ani, ka nama gudda ufi sehe, d'ufe, nami haga d'ibba afuri isati mataqe. Ammo isa ijeesani, jennaani nami isa gula yae ch'ufti gargari firfirfame.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 5:36
14 Referans Kwoze  

Ammo namicha tokoti jira, ka Simoni jed'ani, ka duri dira suni keesati huji yuuba tolche, worra dira Samaria, sobe, jabeenna ufi odeese.


Yo akasi taatele, nami hedduuni kara worra hama gula yaa. Ammalle waan worri tolchuufi, hameenna kara d'uga dubbatani.


Adda isi gubba maqa waan d'ossa irati t'aafani: Babiloni Guddo, haad'a sharmut'afi t'uri lafa keesa jirtu ch'ufa jed'ani.


Worri kunini hojja ch'ufa gungumeti woli himata, fed'i garaa hamtu gula yaa. Worri waan fed'u argatu ufi guddise nama soba.


Yo nami woma intahiini wo ufi sehe, inni ufi daalleesu jira.


Ammo worri nama gugurda fakaattu anini waan kana maro waan worra iyaaleefi jed'a: Waaqi nafa nama gula nama inqoru jaaroleeni tuni waan haraa ka heredde tokole na indarre.


Atini eennu kana? Namicha lafa Misiri, ka onana nama kaase shifta kunki afuri lafa alo geeseeniti?


Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.


Lubbuuni na fuute, malaikaani lafa gamooji naa geesite. Achiti anini niiti toko, ta bineensa diima maqa hamama irati t'aafani gubba teetu, arge; bineensi suni mata torbaafi gaafa kud'ani qaba.


Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.


Yokhaani, yo nami, Ilaala, inni lafa gamooji keesa jira jed'e, achi indeemina; yokhaani yo, Inni armati d'okhachu jira jed'ani, ind'ugefatiina.


Wonti akanatiifi nama hedduti maqa kiyyaani d'ufe, Anini Kristo isaniini jed'e, nama heddu soba.


Jennaani waan jaaroleeni jed'e, Isani worra Israeli, waan jara kana tolchitani eegad'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite