34 Nami tokoleeni ka gaargala qabu worra keesa injiru. Nami oobru yokhaani mana qabu, ch'ufa gurgure, hori suni ch'ufa guure,
Hori yo gurgurani nami ch'ufti akuma woli ira gaargala qabuuni gargari qoodata.
Duuba anini waan isaniini jed'u, Hori lafa tanatiini jaala tolfad'a, aka hojja horiini d'umate mana hegeriti isani yaamani.
Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.
Jennaani Yeso waan worraani jed'e, Gaafa anini subbafi gorjofi kope male isani erge woma d'abdani? Waan jed'aniini, Hiyyo.
Yesoni isa millannaani, isa jaalate waan jed'eeni, Waan toko fitate, beeni, waan qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, hori gubba argatta, duuba na gula kooti jed'eeni.
Yesoni waan jed'eeni, Yo d'uguma qit'e tahu feete, waan qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba durooma gubba argatta, kooti na gula deemi.
Qaabad'a aka AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebise. Inni yayu godaana isani lafa aloo ballo tana keesa godaantanile isani qorqorate. Inni ya ganna afurtama kana isani woliini tae, isanileeni ya waan feetani ch'ufa argatani.
Kara kanaani yayaba hori ka hegeri namaa tahu tolfatani. Duuba akanaani jireenna d'uga argatani.
oobru ufi gurgure, hori suni d'ufeeni harka ergattuti kenne.
Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.
Akanaani worri ind'ugefatiini isanii ch'eere foka, duuba akasiini waan feetani nama tokole inkad'attani.