Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 4:30 - KITAABA WAAQA

30 Harka kanke d'eerefad'u, nama fayyisi, aka akheekha waan mama maqa Hojattu tante qulqullo Yesotiini tolchani.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 4:30
19 Referans Kwoze  

Dira kana keesati Herodefi Pontio Pilatoni gosa d'ibiifi gosa Israelitiini wold'aqani, aka Yeso, hojattu tante qulqullo, ta atini Kristo tolchite ijeesani.


Petroni waan jed'eeni, Shilingifi worqi sii kennu inqabu, ammo waan qabu sii kenna: maqa Yeso Kristo ka Nazaretitiini kai deemi.


Jennaani anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa imbeeta, na qaabad'i, na qarqaari, nama na gaargalchu haalo na baafachisi worra obsite nati illakisini. Qaabad'i, maro tanteetifi na arabsani.


Stefanoni ka eebafi jabeennaani guutame, jiddu biyya keesati waan mamafi akheekha heddu tolche.


Harki ergattu akheekhafi waan mama heddu gumi keesati tolche. Worri ch'ufti garaa tokooni balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae.


Jabeenna maqa isati namicha naafa kana fayyise. Waan isani argitani d'ageettani kana jabeenna maqa isaatiini tolchani. D'ugefacha inni Yeso d'ugefateti namicha kana isani durati fayyise.


Ergattuuni waan mamatiifi akheekha heddu tolchite, tanaafi nami ch'ufti sodaate.


Dubbi tana d'agaya, worra Israeli! Yeso Nazareti, nama Waaqi fohate, waan mamatiifi huji jabdufi akheekha Waaqi isa keesa tolcheeni isani agarsiise, aka isani beetani, waan wonti kunini jiddu teesani keesa taateefi.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Duuba waan worra Israelitini jettu, Anini AABBO Waaqa; anini huji hamtu gosa Misirii keesaa isani fuud'e, tissooma worrale keesaa isani baase, harka kiyya d'eerefad'e worra suni balleese isani baasa.


isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja.


Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Yo isani akheekhafi waan mama argitani male, diqole ind'ugefattani.


Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite