Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 3:13 - KITAABA WAAQA

13 Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 3:13
46 Referans Kwoze  

Anini Waaqa ababoota teetiti, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqoti ka Yakoboti. Jennaani Musani ilaalu sodaate holate.


Anini Waaqa Abrahamutiifi Waaqa Isaaqotiifi Waaqa Yakoboti. Akasi jechuuni, inni Waaqa worra jiruuti, ka worra duetiiniti.


Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.


Worri ch'aare waan jed'e, Armaa fuud'i, Armaa fuud'i, olfannisi! Pilatoni, Hayyu keesani olfannisa? jed'e worra gaafate. Qaaloleeni gugurdooni waan jetteeni, Nu hayyu d'ibi inqamnu, Kaisari male!


Waan kanaafi Pilatoni isa gad'iisu fed'e, ammo Yahudiini ch'aarte waan jette, Yo nama kana gad'iifte atini jaala Kaisaritiiniti! Nami hayyu ufi tolchu ch'ufti nyaapa Kaisari.


Worri ammalle gohe waan jed'e, Isaaniti, ammo Baraba nu hiikhi. (Barabani suni shifta.)


Anini Waaqa abba keetiti, Waaqa Abrahamuti, ka Isaaqoti, ka Yakobooti. Jennaani Musani Waaqa laalu sodaate fuula d'ofate.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Inni waan naani jed'e, Waaqi ababoota teenna ya si fohate, aka atini fed'i isaa baratte Nama d'uga suni argite qonqo afaani isaa iraa d'ageetu.


Waan kana jari isaa gaafasi inhubanne; ammo eegi Yesoni guddinna ufiitini gubbaati gale, aka t'aafiini tuni waan isaa dubbate, ammalle aka waan kana isaa tolchani qaabatani.


Dubbi tana Yesoni waan Lubbu jed'e, ta worri isa d'ugefatu argatu. Gaafasi Waaqi Lubbu ufi nama inkennine, wonti akanatiifi Yesoni qara guddinna ufi inarganne.


Pilatoni waan qaalole gugurdofi gumiini jed'e, Anini wollaala nama kana irati ingarre.


Ammo qaaloleeni gugurdooni gumi gorsite aka inni fulla Yeso Baraba hiikhu.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Haada sibiilatiini hid'ani, isa fuud'ani, harka hayyu Pilatoti kennani.


harka gosa d'ibiti kenna, isa goyeesani, lichooni d'aanani, mukhati fannisani, ammo guyya sadeeso isa kaasani.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Jennaani Musani waan Waaqaani jed'e, Yo anini gara gosa Israeli d'aqe, Waaqi abba keesaniti isaniti na erge jed'eeni, worri na gaafate, Maqaani isaa eenu? naani jed'e, anini duuba eenu jed'aani?


Ammalle Waaqi waan Musani jed'e, Dubbi tana worra Israeliti himi waan jettuuni, AABBO, Waaqa ababoota teesani, Waaqa Abrahamu, ka Isaaqo, ka Yakobo, ya gara keesani na erge. Haga jiru jireenna maqaani kiyya kana, maquma kanaani d'aloota ch'ufti na yaama.


Waan nama inqorina, Waaqileeni waan keesani inqoru; wollaala namati imuriina, Waaqileeni wollaala isaniti imuru; namaa araarama, Waaqileeni isanii araarama.


Yesoni waan jed'eeni, Sila jabeenna wo na tolchituuni inqabdu, yo Waaqi sii kenne male. Tanaafi nama harka kanketi na kenneeti ira daba qaba.


Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?


Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.


Dira kana keesati Herodefi Pontio Pilatoni gosa d'ibiifi gosa Israelitiini wold'aqani, aka Yeso, hojattu tante qulqullo, ta atini Kristo tolchite ijeesani.


Harka kanke d'eerefad'u, nama fayyisi, aka akheekha waan mama maqa Hojattu tante qulqullo Yesotiini tolchani.


Anini waan toko si durati fud'ad'a. Anini Waaqa ababoota teenna Kara worri d'ara jed'uuni gula kad'ad'a. Anini waan Seera Musatiifi kitaaba raagoota keesati t'aafani ch'ufa ind'ugefad'a.


worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.


Ammo inni mormate waan jed'e, Intala, anini isa imbeekhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite