Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 20:35 - KITAABA WAAQA

35 Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 20:35
28 Referans Kwoze  

Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.


Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.


Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.


Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.


Nu isani kad'anna, oboleyaani, worra woma inhojanne gorsa, nama ch'eeru jabeesa, lalaafa qarqaara, nama ch'ufa obsa.


Nu worri d'ugefacha jabdu qabu laafinna worra lalaafa obsine ulfinna isaanii baachu malle. Ufi ch'alla gammachiisu himmalle.


Anini fed'i Waaqa tokole isani ind'ossine.


Harka dad'abbi qabuufi miila lalaafe hollatu jabeesa, nama garaa lafeeni waan jettani, garaa jabaad'a, insodaatina,


Worra hid'aansa keesa jiru qaabad'a, aka waan hid'aansa keesa woliini jirtanu. Worra gaargala keesa jirule qaabad'a, aka waan ufile gaargalu jirtanu.


Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.


Ammalle waan isani olaana tokole inhambimne, ato isanii agarsiise barsiisu, nama duraafi maneeni teesani keesaleti.


Ammo nami d'uga waan d'uga tolche waan qajeeluma gula deema.


Wonti d'ibiini anini isanii tolche taka gumi d'ibi intolchiini maani? Qarqaarsa ch'alla naa kenna isani injed'iini. Naa araarama, yo anini waan hamtu isani tolche!


Gaafa isani woliini jiru, anini yo hori fed'ele, isani ingaargalchine; wonti akanatiifi oboleyaani Makedonia d'ufte waan anini fed'u ch'ufa naa kennite. Akuma duri tolche hegerile intolcha: Anini haguma jiru baa ulfo isaniti imfahu!


Jabaad'a, nagayaani taa, waan biyyaa keesa inseeniina, harka keesaniini hojad'a, akuma nu qara isaniti himne.


Anini waan amma tolchu kana dura deeme tolchu fed'a, aka ergattuuni d'ibiini taani qoomni argatte, Aka keesani hojanna jette ufi inodeesine.


Yo biyyiti waan kana isani iraa fud'atte, nuleeni hagasi iraa isani iraa fud'achu himmalle? Taatule nu ammalle waan kana imfud'anne. Ammo nu waan ch'ufa obsine, aka gufu tokole daandi Odu Dansa ta Kristo dura inkeenne.


Ee, isanileeni imbeetani, aka anini harka kiyyaani waan anini fed'ufi waan waheli kiyya fed'u ch'ufa hojad'e argad'e.


Eegi akasi dubbate, inni jilbifate worra ch'ufa woliini Waaqa kad'ate.


Worri kaeti imaltu huji Kristo tolchu d'aqe, ka qarqaarsa nama ind'ugefatinle iraa infeene.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite