Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 2:22 - KITAABA WAAQA

22 Dubbi tana d'agaya, worra Israeli! Yeso Nazareti, nama Waaqi fohate, waan mamatiifi huji jabdufi akheekha Waaqi isa keesa tolcheeni isani agarsiise, aka isani beetani, waan wonti kunini jiddu teesani keesa taateefi.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 2:22
42 Referans Kwoze  

Inni Yesoti halkaniini d'ufe waan jed'eeni, Rabbi, nu imbeenna aka atini qaallu gara Waaqati d'ufe; wonti akanatiifi nami tokoleeni akheekha atini tolchitu kana dandae intolchu, yo Waaqi isa woliini jiraate male.


isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja.


Ammo, yo anini quba Waaqatiini jinni baase, d'uguma Finni Waaqa ya isaniti d'ufe.


Ammo yo anini Lubbu Waaqatiini jinni baase, yo suni Finni Waaqa ya d'iaate.


Biyyiti waan kana arginaani sodaate, Waaqa ka jabeenna akana kana namaa kenne guddifte.


Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Waan aka anini ergattu na agarsiisu ch'ufa kara obsatiini jiddu teesani keesati tolchani; akheekhafi huji jabdufi waan mama jiddu teesaniti tolchani.


Hayyuuni waan kana imbeekha, anini isa durati soda male dubbachu jira. Anini imbeekha, aka wonti kunini tokoleeni isa dura indahanne; waan kana fulla d'ossati intolchine.


Anini herega kiyya keesa, aka maqa Yeso Nazareti balleesu guddo wolaaneeni.


Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; inni fulla deemu ch'ufati Yahudi yaka; inni gudda worra Nazarayoti.


Anini, Aabbo, atini eennu kana? jed'eeni. Inni waan naani jed'e, Anini Yeso Nazareti, kauma atini gaargalchuu jirtu.


D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.


Worri d'ufnaani gumi wolti yaamani, worri waan Waaqi harka worraatiini tolche ch'ufa odeese ammalle aka inni balbala d'ugefacha gosa d'ibile bane odeesani.


Jennaani Pauloni olkae, harka olfud'ate waan biyyaani jed'e. D'iiro, worra Israelitiifi gosa d'ibile ta Waaqa d'ugefattu, na ch'aqasa!


Nu ya d'ageenne aka inni, Yesoni Nazareti mana qulqullo kana balleese aada Musani nuu kenne tana garagalcha jed'u!


Jennaani waan jaaroleeni jed'e, Isani worra Israeli, waan jara kana tolchitani eegad'a.


Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?


Pilatoni beesisa t'aafe, maskali isaa gararoti mat'ansani. Yeso Nazareti, hayyu Yahudi jed'ani t'aafani.


Ato sila anini huji nami tokoleeni jiddu worrati intolchiini tolchu d'ibaad'e, daba inqabani; taatule amma worri ya anaafi Abba kiyya arge jibbe.


Gumiini ta gaafa inni Lazaro awaala keesaa yaame duisa keesaa kaase isa woliini jirtu taani waan gaafasi agarte ch'ufa odeesite.


Tanaafi qaalole gugurdofi Farisayooni jaarole kora korte waan jette, Nu maani taana? Namichi kunini akheekha heddu tolcha.


Yo anini huji Abba kiyya intolchine na ind'ugefatiina.


Yo namichi kunini gara Waaqaati imbahiini dandae woma intolchu jed'e.


Ammo gumi keesa nami hedduuni d'ugefate waan jed'e, Yo Kristoni d'ufe, akheekha d'ibi ka nami kuni tolche ira tolcha?


Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.


Biyyiti akheekha inni tolche suni arginaani waan jette, Kunini d'uguma raaga ka sila lafati d'ufu male!


Anini d'uga ta haga Yohana ira jirtu qaba: hujiini anini tolchu ta Abbaani Tolchi naani jed'e, isiini naa dubbatte, aka Abbaani na erge agarsiifti.


Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Yo isani akheekhafi waan mama argitani male, diqole ind'ugefattani.


Filiponi Nathanieli arge waan jed'eeni, Nu namicha Musani waan isaa kitaaba Seera keesati t'aafe, ka ammalle raagootileeni kitaaba ufi keesati t'aafte ya agarre. Yeso ilma Yusufu nama Nazareti.


Jara keesa namichi toko, ka Kleopa jed'ani, waan jed'eeni, Nami Yerusalemu keesa jiru, ka waan achiti d'io tana tahe ind'agayiini sii ch'alla?


deeme dira Nazareti jed'aniti qubate, aka wonti duri raagooti jette guutamtu, ta isaani nama Nazarayo jed'ani jettu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli isani ato diqo muyole taatanile insodaatina; anini isani qarqaara. Nami isani baasu anuma, Waaqa qulqullo Israeli.


Anini waan mama gubbati agarsiise, lafa keesaleti akheekha agarsiisa: D'iigafi ibidafi aarati lafati bua.


Ergattuuni waan mamatiifi akheekha heddu tolchite, tanaafi nami ch'ufti sodaate.


Petroni waan jed'eeni, Shilingifi worqi sii kennu inqabu, ammo waan qabu sii kenna: maqa Yeso Kristo ka Nazaretitiini kai deemi.


Waan jed'aniini, Yeso Nazaretiti kara kana gula deemu jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite