Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 17:4 - KITAABA WAAQA

4 Nami gari d'ugefate, Paulofi Sila woliini yae; jara Griki ka Waaqa sodaatufi nad'eeni gurra qabdu hedduleeni d'ugefatte.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 17:4
31 Referans Kwoze  

Duuba nami hedduuni d'ugefate, nad'eeni gurra qabdu ta gosa Yahudileeni d'ugefate, ammalle nami d'iiraleeni, hedduuni d'ugefate.


Biyyiti dira suni gargari qoodamte, ta gari Yahudiini wold'at'e, ammo ta gari ergattuuni wold'at'e.


Eegi gumiini gargari baate Yahudi heddufi nami aada Yahuditi gale hedduuni Paulofi Barnaba gula yaani. Worri worraani hasae, Eeba Waaqa keesati jabaad'a jed'e gorse.


Nu waan worri waan kana tolchu inseene! Qaraa fiit'e Aabbo ufi kennani; lameesole, fed'i Waaqa gula nule ufi kennani.


Nami gari waan inni dubbate d'ugefate, ammo ka gari d'ugefachu dide.


Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.


Ammo Yahudiini taani nad'eeni dira suni ta gurra qabdu ta beekhanifi, nama gugurda dira sunilee, Paulofi Barnabati kaafte lafa suni keesa gussite.


D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.


Inni haga ganna lama ch'ufa akasi tolche, tanaafi nami Asia keesa jiru ch'ufti, ka Yahuditiifi Grikileeni, dubbi Aabbo d'agaye.


Sabato ch'ufa inni mana Waaqa iti kad'atani keesati hasae, Yahudifi Griki kara ufi deebise.


Nami gari isati mataqe d'ugefate, toko Dionisio jed'ani, nama goli Areopago, tokoleeni niiti toko ta Damari jed'ani, ammalle nami d'ibileeni ka worra woliini jiru d'ugefate.


Tanaafi mana Waaqa iti kad'atani keesati Yahudifi nama Waaqa sodaatu woliini hasae, dubbi mormeeni, ammalle guyya ch'ufa gabaya keesati worra gara isaa d'ufeeni hasae.


Pauloni isa fohate, aka inni isa woliini deemu. Inni isa fuud'e qabanqaba qabeefi, waan Yahudiini fulla suni jirtu ch'ufti aka abbaani isaa gosa Griki beetuufi.


Ammo eegi oboleyaani aka inni eeba Aabbo argatu Waaqa kad'ateefi Pauloni sila fuud'e iti d'aabate.


Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.


Tanaafi nu Yudafi Sila ergine, aka afaani ufitiini isaniti himani.


Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.


Eegi gallakisani, worri gumiti dachae, waan qaalole gugurdofi jaaroleeni worraani jette ch'ufa gumiti hasaani.


Worri d'ugefate ch'ufti wold'aqe waan ch'ufa woliini tolche woliini qoodate.


Jennaani Yahudiini waan woliini jette, Inni eesa d'aqu fed'a, aka nu ingarre? Inni dira Yuna ka Yahudiini iti godaante d'aqe gosa Griki barsiisu fed'a? jed'ani wolgaafatani.


Atini ta nad'eeni ch'ufa ira mid'aadu, jaali kanke eesa deeme kana? Kara bad'aasoni kanke deeme nuti himi, aka nu barbaada isaa si qarqaarru.


Nami qaroo wahelchu qaroo taha, ammo nami daalle wahelchu d'iba argata.


Nama woma imbeenne biraa yaa, jireenna argad'a; kara hubacha gula yaa.


Gaafasi gochiti hedduuni AABBO Waaqati d'ufte gumi isaa taati. Inni isani keesa tae, duuba isanileeni aka inni isaniti na erge beetani.


Maro tokotu oboleyaani Paulofi Sila halkaniini haga Beroya ergite. Worri d'umnaani mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude.


Maro tokotu oboleyaani Paulo gara galaana ergite, ammo Silafi Timotheoni achumati hafani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite