Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 17:28 - KITAABA WAAQA

28 akuma nami toko jed'e, Nu isa keesa yaane teteenne jireenna arganna. Akuma namichi keesani toko sirba keesa jed'e, nu ijoolle isaati.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 17:28
16 Referans Kwoze  

Jireenni waan lubbu qabati ch'ufti harka isaa keesa jira, hafuuri namaaleeni isa iraa baha.


Inni waan ch'ufa dura jira, isa keesa wonti ch'ufti fulla ufi qabdi.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.


Inni Waaqa nama duetiiniti, ammo ka worra jiruti; wonti akanatiifi nami ch'ufti isaafi jira.


Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.


Yesoni waan jed'eeni, Ka kaasufi ka jiraachisu ana; nami na d'ugefatu, yo duele, injiraata.


Inni ya lubbu nu baase, miila keennale much'uch'aach'u d'owe.


Abbootiini teenna ta lafa nu qajeelchiti, duuba worraa saalfanna. Abba keenna ka lubbu hagasi ira saalfanneefi jireenna argachu himmalle?


Yo nami si had'e si ijeesu fed'u AABBO Waaqi kanke si qorqorata, akuma nami waan ufi jabeese qorqoratu. Inni akuma nami d'akha gullubaani darbu nyaapa kanke siraa darbe lafa buusa.


Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.


Kennanini ka Enoshi, Enoshini ka Sethi, Sethini ka Adamu, Adamuni ka Waaqa.


Namichi Krete toko, ka raaga worraa waan jed'e: Jari Krete ch'ufti kiyyiba, bineensa hama, ammalle sabdi woma hojachu imfeene.


AABBO Waaqa keesani jaalad'a, isaa saalfad'a, iraa ingorina: duuba, yo akasi taatani, isanifi ilmaani teesani, lafa AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobo inkenna jed'e kakhate, keesati lubbuuni teesani d'eeratti.


Jennaani hayyu Sedekiani d'ossaani nati kakhate waan jed'e, Anini maqa Waaqa nama uumetini kakhad'a, si inijeesu, yokhaani nama si ijeesule siti illakisu.


Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite