Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 16:14 - KITAABA WAAQA

14 Niitiini toko, ta Lidia jed'ani, ta woya didiimtu gurgurtu, ta dira Thiatira, ta Waaqa guddiftu, nu ch'aqafte. Aabbooni garaa isi bane, isiini waan Pauloni jed'e d'ageete.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 16:14
24 Referans Kwoze  

Jennaani inni qalbi worraa bane, aka waan t'aafani hubatani,


AABBO Waaqi yayu gurra kiyya bane aninileeni isati garagale isa indinne.


Ch'aqasi! Anini balbala dura eje d'ad'au jira; yo nami qonqo tiyya d'agaye na bane, anini iti olseene, isa woliini nyaad'a, innileeni na woliini nyaata.


Tanaafi wonti nami tolchu yokhaani fed'u woma keesa injirtu, ammo naasu Waaqaati waan ch'ufa dura jira.


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Jabeenni Aabbo worra woliini jira, nami hedduuni d'ugefate Aabbooti deebie.


Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.


Inni kae deeme, mana nama toko, ka Tito Yusto jed'ani, ka Waaqa guddisu d'aqe. Mani isaa d'awatu mana Waaqa iti kad'atani jira.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.


Jennaani inni kae deeme. Namicha sangisisani toko jira, ka lafa Sidaama. Inni nama gudda ka hayyiti Sidaama ta Kandake jed'ani jala hojatu, ka hori isii qorqoratuufi. Inni Yerusalemu d'ufe, aka Waaqa kad'atu.


Nami gari ka aka Waaqa kad'atu jila d'aqe gosa Grikiiti.


Jaali kiyya balbala baniisa tuqe jennaani onneeni tiyya aka inni ga d'iatu beennaani na keesati chochoote.


Guyya atini nyaapa kanke haatu, nami kanke ufi gabaasa. Akuma fit'eesa ganamaa, kaima kanke gaareeni kanke qulqullo irati siti d'ufa.


Eegi gumiini gargari baate Yahudi heddufi nami aada Yahuditi gale hedduuni Paulofi Barnaba gula yaani. Worri worraani hasae, Eeba Waaqa keesati jabaad'a jed'e gorse.


Ammo Yahudiini taani nad'eeni dira suni ta gurra qabdu ta beekhanifi, nama gugurda dira sunilee, Paulofi Barnabati kaafte lafa suni keesa gussite.


Paulofi Barnabani mana hid'aansa keesaa yaani mana Lidia d'aqani. Achiti oboleyaani arginaani jabeesani kaani yaani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite