Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Huji Ergattu 15:8 - KITAABA WAAQA

8 Ammalle Waaqi ka garaa nama beekhu d'ugefacha worra arginaani Lubbu Qulqullo worraa kenne, akuma nuu kenne.

Gade chapit la Kopi




Huji Ergattu 15:8
23 Referans Kwoze  

Jennaani Waaqa kad'atani waan jed'ani, Aabbo, atini garaa nama ch'ufa imbeeta. Nama atini fohatte, jara lamaani kana keesa nu garsiisi,


Eentu dandae bisaaniini worra kana batifamu d'owa, eegi worri akuma keenna Lubbu Qulqullo argate?


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.


Ergattuuni guyya heddu achi teete, waan Aabbo soda male dubbatte; ammalle Aabbooni dubbi eeba ufii d'ugeese, akheekhafi waan mama harka worraatiini tolche.


Worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutamnaani, afaani d'ibi dubbachu iti keyatani, aka Lubbuuni worra dubbachifte gula.


Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Eegi Waaqa kad'atani, fullaani worri iti kad'atu chochoote, worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutame, soda male dubbi Waaqa dubbatani.


Ammalle maro sadeeso Yesoni waan jed'eeni, Simoni ilma Yohana, Atini naa feeta? Petroni garaa ufi keesati lalefate waan inni maro sadeeso, Atini naa feeta? jed'eefi. Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini waan ch'ufa imbeeta, aka anini si fed'u imbeeta. Yesoni waan jed'eeni, Hooliye tiyya nyaachisi.


Abbaani na erge naa d'ugeesa. Isani qonqo isaa taka ind'ageenne yokhaani bifa isaa taka inagarre;


Ammo ee AABBO Waaqa gudda, atini d'ugaani nama ilaalate, waan worri garaafi qalbi keesaa qabu beeta. Tanaafi aka atini nyaapa kiyya haalo baafatu na agarsiisi, wonti akanatiifi anini dubbi tiyya yayu siti kennad'e.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


Jennaani anini kad'ad'e waan jed'e, AABBO Waaqa gudda, atini ka d'uga gula dubbi qortu, ka ammalle heregaafi qalbi namaa ilaaltu, anini dubbi tiyya ya siti kennad'e; haalo atini worra kana baafatu na garsiisi.


atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


kad'acha isaa d'agayifi. Mana kanke ka gubbati worra ch'aqasi, araaramifi, qarqaari. Si ch'allaati herega nama ch'ufa beekha, tanaafi nama ch'ufa waan isaa male tolchiifi,


Ammo AABBO Waaqi waan isaani jed'e, D'eerinnaafi mid'aaguma isaa iniilalini, anini yayu isa dide. AABBO Waaqi waan nami laalu iniilaalu. Nami nama nafuma ala laala, ammo AABBO Waaqi garaa keesa ilaala.


Anini imbeekha, aka atini onne nama ch'ufa ilaalte nama d'uga iraa gammaddu. Fed'ifi garaa tokooni anini waan kana ch'ufa sii baase, ammalle anini aka gumiini tante tunini gammadani waan kana ch'ufa sii baaftu ya arge.


Lubbu Qulqullofi nuleeni baa d'ibi isani ira kayu imfeenu, waan tolchu malani male:


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite